Angafoota Oduu
Dandeettii dubartootaa fi dargaggootaa caalaatti gargaaramuun tiraanisfoormeeshinii Afriikaa si’achiisuun nibarbaachisa-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo
May 7, 2025 56
Ebla 29/2017 (TOI)- Dandeettii dubartootaa fi dargaggootaa caalaatti gargaaramuun tiraanisfoormeeshinii Afriikaa si’achiisuun akka barbaachisu Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ibsan. Agarsiifni fi Konfaransiindubartoota hojii uumanii gabaa waloo Afriikaa bahaa fi kibbaa (Komeessaa) har’a dabalatee guyyoota sadiif turu Finfinneetti eegalameera. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo baniinsa agarsiisa daldalaarratti akka jedhanitti, ajandaa Afriikaan bara 2063 mikeessuun qabatte keessaa tokko walqixummaa fi fayyadama dinagdee dubartootaa mirkaneessuudha. Itiyoophiyaan biyya komeessaa hundeessite ta’uu eeranii, waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaa bu’a qabeessa taasisuuf carraaqqii guddaa taasisaa akka jirtu himaniiru. Komeessaan dubartoota hojii uumaniif deeggarsa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu gaafataniiru. Ministirri daldalaa fi walitti hidhata riijinii Dr. Kaasahuun Goofee akka ibsanitti, biyyoonni miseensa Komeessaa hojii daldalaa dubartootaa keessatti shoora guddaa qabu. Qormaata keessa darbanii daldalaan bu’a qabeessa kan ta’an hedduu ta’uusaanii eeraniiru. Dubartoonni hojii uumtonni miseensa biyyoota Komeessaa 200 caalan agarsiisa daldalaa fi baazaaricharratti oomishaa fi tajaajilasaanii dhiheessaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Gamtaan Afriikaa fi IGAD nagaa fi tasgabbii fulla’aa Sudaan Kibbaaf deeggarsa akka taasisan ibsan
May 6, 2025 198
Ebla 28/2017(TOI)- Gamtaan Afriikaa fi IGAD carraaqqii nagaa fi tasgabbii fulla’aa Sudaan Kibbaaf taasifamaa jiruuf deeggarsa taasisan akka itti fufan breeksisan. Qooda fudhattoonni Sudaan Kibbaa waliigaltee nageenyaa akka kabajamu kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf IGAD waliin ta’uun Sudaan Kibbaa dhaquun Ebla 28 fi 29 bara 2017 aanga’ootaa fi qaamolee ijoo biyyattii waliin mari’ataniiru. Qaamoleen lamaan dhimmicharratti ibsa kennaniiru. Mariin kun hala siyaasaa fi nageenyaa Sudaan kibbaa akkasumas sadarkaa adeemsi nagaa irra jiru kan ilaallatudha. Akkaataa waliigaltee walitti bu’iinsa dhaabsisuu fi nageenyaa A.L.A bara 2018 mallatteeffameen yeroo cehumsa keessa darbaa jirtutti kan taasifame ta’uu ibsi kun agarsiiseera. Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maardiit fi aanga’oota mootummaa biroo waliin Juubaatti mari'atame’ra. Ibsi waloo kun qabxiilee marichaa arreesseera. Bu’aalee waliigaltee nageenyaa eegsisuu, maree biyyaalessaa hundi irratti hirmaate gochuu fi waliigalteerra gahuu akkasumas rood maappii cehumsaa yeroo daangeffame keessatti raawwatamu, amanamaa fi ifa ta’e deeggaruu kan jedhan kanneen mariin irratti taasifame keessaayyu. Dandeettii dhaabbilee bulchiinsaa cimsuunis xiyyeeffannoo marichaa isa biraati. Dabalataanis dura taa’aan komishinichaa deeggartoota riijinii fi idil addunyaa, hawaasa dippilomaasii Afriikaa fi biyyoota hedduu kan ofkeessatti qabate bakka bu’oota Tirooyikaa waliin adeemsa cehumsaa Sudaan Kibbaa adeemsa walfakkaataan gaggeessuun haala danda’amurratti mari’atamiiru. #Tajaajila oduu Itiyoophiyaa #TOI#Oromiyaa #GA #IGAD
Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa abbootii gootota harkaa fudhate birmaddummaashee eegsisuun dhaloota dhufuuf ceesisuuf dirqama biyyaa bahachaa jira-Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan
May 5, 2025 170
Ebla 27/2017(TOI)- Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa abbootii gootota harkaa fudhate birmadduushee eegsisuun dhaloota dhufuuf ceesisuuf dirqama biyyaa bahachaa akka jiru daarektarri xiin sammuu raayyaa ittisaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan ibsan. Guyyaan sabboontotaa 84ffaan bakka Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee argamanitti kabajameera. Ittisa biyyaa bakka bu’uun kan dubbatan daarektarri xiin sammuu raayyaa ittisaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaansabboonummaan miira jaalala biyyaarraa kan maddudha jedhaniiru. Guyyaan kun kanneen walabummaa fi kabaja biyyaaf aarsaa itti ta’an kan itti yaadataman ta’uu ibsanii, dhaloota har’aafis aarsaa biyyaaf kaffalame ittiin beeksisuu qabna jedhaniiru. Sabboontonni Itiyoophiyaa aarsaa yeroo garagaraa biyyasaanii haleellaarraa qolachuuf kaffalan Afriikaarraa biyya gita hinbitamne qofeettii dhalootaaf dabarsuusaanii ibsaniiru. Gootummaa Itiyoophiyaanotaa durirraa eegalee asgahe itti boonuu fi tiksuu qabna jedhaniiru. Dargaggoon har’aas bakka jiru hundatti cimee hojjetee biyyasaa jijjiiruu akka qabu hubachiisaniiru, Raayyaan ittisa biyyaas duudhaa abbootiisaa dhaalee birmadummaa biyyaa eegsisuun dhalootaaf dabarsuuf dirqama biyyaalessaa bahachaa akka jiru eeraniiru. Hooggantuun biiroo aadaan aartii fi tuurizimii magaalaa Finfinnee Dr. Hiruut Kaasaawu, Finfinneen magaalaa seenaa Itiyoophiyaa ofkeessatti qabatte ta’uu ibsaniiru. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hambaalee kunuunsuu fi galtee itti dabaluun kabajasaanii guutuu waliin kunuunsaa akka jiru beeksisaniiru. Pirezidaantiin waldaa sabboontota gootota Itiyoophiyaa Lij Daani’eel Jootee Masfin, injifannichi ayyaana injifannoo Itiyoophiyaan jabaattee ofdhabde ta’uu dubbataniiru. Injifannichi wayita kabajamu kan darbe yaadachuun qofa osoo hinta’iin hojiilee gurguddoo kana booda jiraniif ittigaafatama dhalootaa bahuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Dargaggoonni har’aa hojii nageenyaa fi misoomaarratti tumsuu akka qaban hubachiisaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Raayyaa Ittisa Biyyaa
Hojii guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti hundi hirmaannaa cimsuu qaba-Pirezidaat Taayyee Atsqasillaasee
May 5, 2025 132
Ebla 27/2017(TOI)- Hojii guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti kutaan hawaasaa hundi aara galfii malee hirmaannaa cimsuu akka qabu Pirezidaatiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Guyyaan sabboontotaa 84ffaan bakka Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee argamanitti kabajameera. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen sagantaa kanarratti siidaa yaadannii injifannoo sabboontotaa jala Abaaboo kaa’aniiru. Pirezidaantiin RDFI Taayyaa Atsqasillaasee dabalatee pirezidaantiin waldaalee gootota sabboontota Itiyoophiyaa durii Lij Daani’eel Jootee Masfin, Sabboontonni gootonni Itiyoophiyaa durii , hooggantoonnii fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa, ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa akkasumas keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru. Injifannichi yaadamni gita bittaa faashistummaa akka mataa ol hinqabanne kan taasisedha jedha pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee wayita kanatti. Injifannoon kun kaleessa kan agarsiisu, har’a guddummaan kan ilaalu akkasumas cimina imala boruu ifoomsee kan agarsiisu ta’uu eeraniiru. Jaalala biyyaa fi hinaaffaa walabummaa biyyaaf qabnu Sabboontota Itiyoophiyaa irraa kan barannu ta’uu hubachiisaniiru. Guddummaa biyyaa fi jaalala biyyaa boonsaa kana dhalootaaf dabarsuuf jaalala cimaa jiru ta’uu eeraniiru. Guddinnii fi imalli Itiyoophiyaa kan isaan quuqu injifachaa har’a gahuushee seenaan raga akka bahu ibsaniiru. Sadarkaan guddinaa Itiyoophiyaan amma irra jirtu yeroon qisaastu akka hinjirre kan dubbatan Pirezidaantichi, daqiiqaa fi sa’aatiin kamiyyuu guddummaa Itiyoophiyaaf aara galfii malee hojjechuun dirqama nama hundaa akka ta’e hubachiisaniiru. Raayyaan ittisaa fi qaamoleen nageenyaa biroon Itiyoophiyaan gara guddummaatti akka tarkaanfattu nagaanshee akka cimu cichanii tajaajila jiran galateeffamuu qabu jedhaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Foramiin tumsa nageenya ummataa idil addunyaa kan jalqabaa taa’amaa jira
May 5, 2025 133
Ebla 27/2017(TOI)- Foramiin tumsa nageenya ummataa idil addunyaa (Liiyaanyuungang) kan jalqabaa Finfinneetti taa’amaa jira. Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el, dura taa’aan foramii nageenya ummataa idil addunyaa (Liiyaanyuungang) Andiistaang, bakka bu’oonni komishinii poolisii biyyoota Afrikaa garagaraa, hooggantoonni komishinii poolisii federaalaa Itiyoophiyaa firamicharratti hirmaachaa jiru. Itiyoophiyaan miseensa boordii daarektarootaa foramii tumsa nageenya ummataa idil addunyaa (Liiyaanyuungang) t’uun filatamuunshee niyaadatama. Foramichi har’a Finfinneetti yaa’ii jalqabaa taa’aa jira. Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana, foramichi tumsaan nageenya waloo tiksuurratti kan xiyyeeffatedha jedhan. Itiyoophiyaan sadarkaa Afriikaatti nageenya ummataa cimsuuf gumaacha guddaa taasisaa akka jirtu dubbataniiru. Itiyoophiyaan tumsi kun caalaa akka jabaatu gumaacha gootu jabeessitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Dura taa’aan foramii nageenya ummataa idil addunyaa (Liiyaanyuungang) Andiistaang gamasaaniin, foramichi walitti bu’iinsaa fi sababa isaanii sadarkaa idil addunyaatti dhabamsiisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Carraaqquii waloo nageenya waloo eegsisuuf jiran jajjabeessuuf hojjechaa jiraachuu eeranii, namoota deddeebisuu waloomaan dhaabsisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Foramichi nagaa fi misooma sadarkaa idil addunyaatti mirkaneessuuf akka hojjetus eeraniiru.

Hawaasummaa
Mul’ata Itiyoophiyaa Milkeessuuf hunduu gaheesaa bahuu qaba-Ministir Dr.Laggasaa Tulluu
May 7, 2025 49
Ebla 29/2017(TOI)-Mul’ata Badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessuuf hunduu sadarkaa gaheesaa bahu akka qabu Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu hubachiisan. Hoggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa sanada biyyoolessa mataduree ‘mahaal zaman ” jedhuun qophaa’e irratti marii’ataniiru. Ministirichi mariisana irratti akka jedhanitti dhaabbileen fi namoonni dhuunfaa, gahumsaa fi itti gaafatamummaa itti kenname qulqullinaan bahannaan badhaadhina Itiyoophiyaa kan dhugoomsan ta’uu, milkaa’inoonni bara darbanii ragaadha jedhaniiru. Gareen Miidiyaa fi Komunikeeshinii itti gaafatamummaa itti kenname, faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa hubachiisuu,Tarsiimoo Mootummaa, karooraa fi raawwii beeksisuu ta’uu hubachiisaniiru. Damee kana beekumsaan gaggeessuu fi ajandaawwan Faayidaa biyyoolesaa Itiyoophiyaa irratti kaafaman ofirraa faccisuu fi ga’umsaan gaggeessuu ta’uu ibsaniiru. Sanada marii mata duree Yemehal zemen /Jabana gidduu galaa/ jedhuun dhiheessan De’eetan Tajaajila Ministeerichaa Tasfaahun Gobezaayi gama isaaniin, waggoottan 7 darabanitti hojiiwwan hojjetaman bu’uurarraa guddina galmeessaa jiraachuu ibsuun, jijjiirama kana itti fufsiisuuf cimuu akka qabnu hubachiisaniiru. Biyyi keenya adeemsa jijiiramaa keessa kan dabarte humnoota gufuu ta’an mo’uu qofaan osoo hin taane ; qormaata uumamaa fi namtolchee ce’uushee ibsaniiru. Hongee, beela,Weerara Girrisaa, Vaayireesii Koronaa, walitti bu’insi qormaata jijjiiramaa turuu ibsaniiru. Gaaffii Hawaasaa deebisuun, sirna siyaasaa hirmaachisaa ta’e diriirsuun, riifoormii fi guddinaan dinagdee itti fufsiisuun , jijjiirama seenessaa taassisuun fi qormaatilee dandamachuun milkaa’inni heduun galmaa’uu Obbo Tasfaahun ibsaniiru. Hirmaattonni waltajjichaa sanadichi dhimmoota adda addaa kan ofkeessatti hammatee fi haala qabatamaa bu’uura kan qodhate ta’uu ibsaniiru. sadarkaa imala jijiirama biyyaa akka hubatan kan isaan dandeessise ta’uu dubbataniiru.
Balaa tiraafikaa xiqqeessuu keessatti hunduu gaheesaa bahachuu qaba
May 7, 2025 40
Ebla 29/2017(TOI)-Yunivarsiitiin Madda Walaabuu akkaataa balaa tiraafikaa xiqqeessuun danda'amurratti qooda fudhattoota garagaraa waliin mari'ateera. Yuunivarsiitichi leenjii nhubannoo nageenya tiraafikaa fi qabannaa ragaa diijitaalaa fooyyessuurratti xiyyeeffate poolisii tiraafikaatii fi ogeessota waajjiroota geejjibaa godina Baaleef tibbana Magaalaa Roobeetti leenjiin kenneera. Ittifufuunis tajaajila nageenyummaa tiraafiikaarratti leenjii hubannoo cimsuu gochaan deeggarame abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi barattoota manneen barnootaa magaalaa Roobeetiif kennameera. Pirezidaantii ittaanaan dhimmoota akkaadaamii, qo'annoo fi qorannoo ce'umsa teeknooloojii Dr. Bazzaabbih Wandimmuu Yunivarsiitichi tajaajila baruuf barsiisuun cinaatti qorannoolee fedhii fi rakkoo hawaasaa bu'uureffatanirratti xiyyeeffatee hojjataa jiraachuu dubbatan. Keessattuu balaa tiraafikaa yerorraa yerootti dabalaa dhufe hir'isuuf dandeettii raawwachiisummaa qaamolee hawaasa garagaraa cimsurratti xiyyeeffannaan hojjataa jiraachuu kaasan. Qorannoon hayyoota yunivarsitichaatiin geggeeffame akka ibsutti rakkooleen balaa tiraafikaa daandii Rooberraa Shaashamannee geessurratti irra deddeebiin mul'atu daran yaachisaa ta'uusaatiin walqabatee rakkoo kana furuufis carraaqqii guddaan taasifamaa akka jiru ibsan. Daayireektarri qorannoo, tajaajila hawaasaafi ce'umsa teeknooloojii yunivarsiitichaa Dr.Muhammad Jamaal gamasaaniitiin yunivarsiitichi qorannoolee rakkoo hawaasaa bu'ureeffatanirratti xiyyeeffatee hojjachuun; balaa tiraafikaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe kanas qooda fudhattoota hirmaachisuun rakkinicha furuuf tattaaffii cimaan taasifamaa jiraachuu dubbatan. Taateewwan balaa tiraafikaa dabalan hanguma heddumaataa deeman furmaanni isaas duuka bu'amee barbaadamuu akka qabu himan. Yuunivarsitichatti qindeessaan leenjichaa Obbo Mahmud Muhmmad huseen gama isaaniin, leenjitoonni turtii isaanii keessatti qabannaa daataa fi tooftaalee raawwii nageenyummaa tiraafikaa mirkaneessuu fi tumsanirratti hubannoon gahaan kennamuufii dubbatan. Ittigaafatamaan Abbaa Taaytaa Geejjiba Bulchiinsa Magaalaa Roobee Obbo Abdurrazaaq Shamsii balaa tiraafikaa hambisuu keessatti qaamoleen nageenyaa, tiraafikootaa fi ogeeyyiin to'annoo bobbii geejjibaa alseerummaa konkolaachiftoota irratti mul'atu kanneen akka ariitiin konkolaachisuu fi humnaa ol fe'uu irratti hordoffii cimaa taasisuu akka qaban dhaamaniiru. Hirmaattonni leenjichaa gamasaaniitiin hubannoon leenjirraa argatan hojii isaanii cimsuu keessatti gumaacha ol'aanaa akka qabu ibsaniiru. Balaa tiraafikaa hir'isuuf carraaqqii taasifama jiru kana tumsuu keessattis gumaacha isaanirraa eeggamu bahuuf qophii ta'uu dubbatan.
Diinagdee
Dandeettii dubartootaa fi dargaggootaa caalaatti gargaaramuun tiraanisfoormeeshinii Afriikaa si’achiisuun nibarbaachisa-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo
May 7, 2025 56
Ebla 29/2017 (TOI)- Dandeettii dubartootaa fi dargaggootaa caalaatti gargaaramuun tiraanisfoormeeshinii Afriikaa si’achiisuun akka barbaachisu Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ibsan. Agarsiifni fi Konfaransiindubartoota hojii uumanii gabaa waloo Afriikaa bahaa fi kibbaa (Komeessaa) har’a dabalatee guyyoota sadiif turu Finfinneetti eegalameera. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo baniinsa agarsiisa daldalaarratti akka jedhanitti, ajandaa Afriikaan bara 2063 mikeessuun qabatte keessaa tokko walqixummaa fi fayyadama dinagdee dubartootaa mirkaneessuudha. Itiyoophiyaan biyya komeessaa hundeessite ta’uu eeranii, waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaa bu’a qabeessa taasisuuf carraaqqii guddaa taasisaa akka jirtu himaniiru. Komeessaan dubartoota hojii uumaniif deeggarsa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu gaafataniiru. Ministirri daldalaa fi walitti hidhata riijinii Dr. Kaasahuun Goofee akka ibsanitti, biyyoonni miseensa Komeessaa hojii daldalaa dubartootaa keessatti shoora guddaa qabu. Qormaata keessa darbanii daldalaan bu’a qabeessa kan ta’an hedduu ta’uusaanii eeraniiru. Dubartoonni hojii uumtonni miseensa biyyoota Komeessaa 200 caalan agarsiisa daldalaa fi baazaaricharratti oomishaa fi tajaajilasaanii dhiheessaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Adeemsi Afriikaa dinagdeen walitti makuu akka si’atu hirmaannaa dubartootaa caalaatti guddisuu barbaachisa-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo
May 7, 2025 44
Ebla 29/2017(TOI)- Adeemsi Afriikaa dinagdeen walitti makuu akka si’atu hirmaannaa dubartootaa caalaatti guddisuu akka barbaachisu Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ibsan. Agarsiifni daldalaa fi konfaransiin dubartoota hojii uumanii gabaa waloo Afriikaa bahaa fi kibbaa(komeessaa) 6ffaan Finfinneetti eegalameera. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo baniinsa agarsiisa daldalaarratti akka jedhanitti, ajandaawwan Afrikaan bara 2063 milkeessuuf baafte keessaa tokko walqixxummaa fi fayyadama dinagdee dubartootaa mirkaneessuu ta’uu kaasniiru. Hojiin qindaa’aa fi walsimate guddina Afriikaa fulla’aaf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Itiyoophiyaan hundeessituu Komeesaa ta’uu kaasanii, waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaa bu’a qabeessa taasisuuf carraaqqii guddaa taasifti jedhaniiru. Riifoormiin dinagdee gooroo Itiyoophiyaan taasifte ddamee dhuunfaaf haala mijataa uumuu dubbataniiru. Walitti makamuu dinAGDEE Afriikaa si’achiisuuf hirmaannaa dubartootaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsanii, deeggarsa Komeesaan dubartoota hojii uumaniif taasisaa jiru akka cimsu gaafataniiru. Ministirri Daaldalaa fi walitti hidhata riijinii Dr. Kaasahuun Goofee gamasaaniin, dubartoonni miseensa Komeessaa sochii daldalaa keessa akka jiran ibsaniiru. Qormaata keessa darbanii daldalaan bu’a qabeessa kan ta’an hedduu ta’uusaanii eeraniiru. Itti aanaan dura taa’aa komishinii gamtaa Afriikaa ambaasaaddar Saalmaa Maalikaa,daldala Afriikaanota jidduutti taasifamu guddisuun walitti makama dinagdee Ardichaa si’achiisuun nibarbaachisa jedhaniiru.  
Sosochiin Itiyoophiyaan haa’oomishtuu Industiriin oomishaa shoora akka bahu gargaareera
May 7, 2025 42
Ebla 29/2017(TOI)-Sosochiin Itiyoophiyaan haa’oomishtuu Industiriin oomishaa bakka bu’an oomishuu fi carraa hojii uumuun shoora akka bahu gargaaruusaa oomishtoonni ibsan. Ebla 25 bara 2017 ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad eksipoo jiddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti qophaa’e eebbisanii banuunsaanii niyaadatama. TOI’n oomishtoota oomishaa fi tajaajila isaanii qabatanii jiddugalicha dhufan yaada gaafateera. Bakka bu’aan Iinaas Sooliishiin Yoonaas Shawaangizaawu eksipoon Itiyoophiyaan haa’oomishtuu oomishtummaaindustirii oomishaa guddisuun fi carraa hojii uumuun guddaa gumaachaa jira jedhaniiru. Hojii raawwachiiftuun Shengaay Maashinarii Burtukaan Geetaahuun, maashinarii ijaarsaa konistiraakshinii Itiyoophiyaaf oolan oomishaa akka jiran dubbataniiru. Xiyyeeffannoon industirii oomishaaf sosochii Itiyoophiyaatiin kenname oomisha bakka bu’aa fi carraa hojii uumuun shoora guddaa akka bahan taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Eksipoon kun sibiilota qulqullinaa fi sadarkaasaanii eeggatanii biyya keessatti oomishaman beeksisuun walitti hidhata gabaa uumuuf faayidaa guddaa akka qabu bakka bu’aan Peegaas Injiinariing Salamoon Taaddasaa dubbataniiru. Dhaabbannisaanii qaama konkolaataa biyya alaatii galfamu oomishaa akka jiru beeksisaniiru. Bakka buutuun Diikee Ooldi adde Yemissiraach Nigaatuu Eksipoon kun oomishaa fi tajaajilasaanii beeksisuun walittitti hidhata gabaa argachuuf carraa gaarii ta’uu himaniiru.
Gaaffii ulaa glaanaa Itiyoophiyaa deebisuun walitti hidhamiinsaa dinagdee Afriikaa fi fayyadama waloo guddisuun nidanda’ama
May 7, 2025 55
Ebla 28/2017(TOI)- Gaaffii ulaa glaanaa Itiyoophiyaa deebisuun walitti hidhamiinsaa dinagdee Afriikaa fi fayyadama waloo guddisuun akka danda’amuibsame. Guddina Dinagdee si’ataa irratti kan argamtu Itiyoophiyaan guddina dinagdee fulla’aa fi fayyadama waloo riijinichatti dhugoomsuuf ulaa galaanaa harkatti galfachuuf hojii dippilomaasii nicimsiti. Biyyoota akka Itiyoophiyaa dinagdee guddaa fi ummata hedduu qabaniif qabaniif dinagdee akka deeggaruu fi misooma waloo kan jajjabeessudha. TOI,n dhimma kanarratti barsiisaa dinagdee Yuunivarsiitii Asoosaa Muhaammad Ibraahim, carraaqqiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa harkatti galfachuuf itti jirtu isheerra darbee guddina dinagdee fi ittifayyadama waloo biyyoota riijiniif hiikoo guddaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf deebii kennuun walitti hidhamiinsa dinagdee Afriikaa bahaa fi itti fayyadama waloo guddisuun nibarbaachisa jedhaniiru. Biyyoonni qofaa guddachuu waan hindandeenyeef keessumaa biyyoota ollaa jidduutti walitti hidhata uumuun nibarbaachisa jedhaniiru. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma jiraachuu ta’uusaa fi biyyoota riijinichaaf ammoo itti fayyadama waloo fi waliin guddachuu walitti hidhata dinagdee cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru. Itiyoophiyaan karoorri Afriikaarraa dinagdee guddaa ijaaruuf qabatte milkeessuuf dhimmi ulaa galaanaa ajandaa adda duree ta’uunsaa sirrii ta’uu ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Sagantaa tajaajila wiirtuu tokkoo agarsiistuu Milkaa’ina Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojjetamaniiti-Ministeericha
May 7, 2025 46
Ebla 29/2017(TOI)-Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo agarsiistuu milka’ina hojiiwwan dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf eegalamani ta’uu Ministeerri Innoveeshinii fi Teekinooloojii beeksise. Masoob tajaajilli wiirtuu yeroo Muummicha Ministiraa Dr, Abiy Ahmediin dhiheenya eebbifamee hojii eegaluunsaa ni yaadatama. Giddugalichi baaxii tokko jalatti tajaajila mootummaa walqabsiisuun teekinoloojii dijiitaalaa fayyadamuun tajaajila kennamudha. Gidugalichi lammiileen filannoowwan Teekinooloojii guutuu fayyadamuun dhaabbilee Federaalaa tajaajila adda addaa akka argatan kan dandeessisu yoo ta’u, dhaabbileen 12 qindoominaan tajaajila 41 ol kennaa jiru. De’eetaan Ministira Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Yishuruun Alemaayoo TOI’f akka ibsanitti, Giddugalichi tajaajila hedduu bakka tokkotti kennuun tajaajila si’ataa fi mijataa yeroo tokkotti argachuu kan dandeessisudha. Kunis aadaa tajajila kennuu kan guddisu ta’uus dubbataniiru. TarsiimooDijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n tajaajila Mootummaa 800 ol Dijiitaalawaa gochuu ibsanii, kunis bu’aa qabeessummaa kenna tajaajilaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru. Kanaanis Tajaajilli wiirtuu tokkoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojiiwwan eegalaman agarsiisituu milkaa’inaa ta’uu ibsaniru. Hojiiwwan milkaa’ina tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n dhugoomsuuf hojjetamuu eegalani , dhiheessii fi fayyadamummaa ibsaa fi intarneetii babal’isun, gudduugalli daataa ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Kalaqawwan Ogummaa Kolleejjii Poolii Teeknikaa irraa bahan fayyadamtoota biraan gahuuf   Tattaaffiin taassifamaa jira
May 6, 2025 86
Ebla28/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Bu’aawwan Kalaqaa kolleejjii poolii teeknikaatii bahan fayyadamtootaan gahuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Hojii fi Ogummaa Naannichaa ibse. Biiroon Hojii fi Ogummaa Naanichaatti, Itti Gaafatamaan Damee Leenjii Obbo Nasraddiin Qaadii TOI’f yaada kennaniin, Kollejjichi Ekisteenshinii Industrii fi Misooma Ogummaa irratti hanqinoota jiran guutuuf leenjii gabaan barbaadu kennaa jiraachuu ibsaniiru. Koleejichi galteewwan Insdustirii alaa galanii fi omishawwan bakka bu’an irratti xiyyeefatee,Teekinooloojii Omisha guddisu irratti omishuu fi ceesisuu hojjechaa jiraachuu ibseera. Kanaanis maashinoota Omisha Qonnaa walitti qabuu, Nyaata Horii kan qindeessuu, cuucii lukkuu kan yaasu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru . Naannichatti hojiin Adaamaa, Bishooftuu, Shaashamannee, fi Kolleejjiiwwan poolii teeknikii birootti hojjetamaa jiru kan jajjabeffamu tahuu ibsaniiru. Kolleejonni bu’aawwan kalaqaa kana fayyadamtoota biraan gahuuf hojjechaa jirachuu ibsaniiru. Baatiiwwan saglan darbanitti galii keessoo miiliyeena 900 maddisiisuu danda’uu ibsaniiru. Kolleejjii Poolii Teeknikii Adamaatti Barataan sadrkaa 4ffaa kan tahe Musbahu Mammaa akka ibsetti omishaa fi Omishtummaa Qonnaa guddisuuf maashinii sanyii fachaasu hojjechuu dubbateera. Maashiichi humna ibsaa malee Qotiyyoo Fayyadamuun Sanyii Sararaan Facaasuu kan dandeessisu ta’uu himeera. Kolleejjii Poolii teeknikaa Shashamanneetti barataa Awwal Ahimad gama isaatiin, knkolaataa manaa kalaqaan hojjechuu ibsaniiru. Konkolaataan kalaqaan hojjete boba’aa kan qusatuu fi meeshaa naannawa argameen hojjechuu ibsuun boba’aa liitirii tokkoon k.m 30 deemuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru. Deeggarsa Motummaa fi qooda fudhattoota irraa yoo argate omisha isaa babal’isuu fi gabaaf dhiheessuuf fedhii qabachuu ibsuun; konkolaatichi annisaa aduu fi elektiriikiin hojjechuu kan dandeessu ta’uu dubbataniiru.
Sirni Ragaa Dijiitaalaa Jijiirama Qilleensaa  ittisuuf dandeessisa- De’eta Ministiraa Dr.Melese Mokonnin
May 6, 2025 56
Ebla 28/2017(TOI)-Qonnaan bultootaaf odeeffannoo qilleensaa kan kennu sirna haala qilleensaa dijiitaalaa ijaaruun Jijjiirama qilleensaa ittisuuf qooda guddaa akka qabaatu De’eetn Ministira Qonnaa Dr.Mellese Mokonnin ibsan. Tajaajila Sirna odeeffannoo hundeessuuf waltajjiin Riijinii Afrikaa Bahaa har’a Bishooftuutti gaggeffamuu eegaleera. Waltajjichi Dhaabbanni misoomaa Mootummoota Gamtoomanii Afriika Bahaa (IGAD) fi wabii nyaataa irratti kan hojjetu walta’insa Idil Addunyaa (CGIAR) jalatti kan argaman pirojektii Qorannoo Jijiirama qilleensaa (AICCRA) waliin kan qopheessanidha. Sirnichi odeeffannoo qindaa’aa jijiirama qilleensaa murtee damee qonnaan kennamu waliin wal-simsiisuun Qonnaan Bulaan dhiibbaa jijiirama Qilleensaa dhufu akka dandamatu gochuuf ta’uu ibsaniiru. Sirnichi Mobaayilii fi Intarneetiin kan hojjetu yoo tahu , Qotee bulaan, yeroo omishu, gosa midhaanii, fi yeroo omisha walitti qabu, haala midhaanii odeeffannoo kan kennudha. Dee’etaan Ministira Qonnaa Dr.Mellese Mokonnin sirni dijiitaalaa kun jijjiirama qilleensaa dandamachuu irra darbee dursee deebii kennuuf kan dandeessisu tahuu ibsaniiru. Sirni Odeeffanichaa Fayyaa Biyyee, Jijiirama qilleensaa fi faalama kaarbooniin fi kanneen biroo irratti odeeffannoo wal jijiiruuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Hojmaatni Dijiitalaawaa kun wabii nyaataa fi ittifufinsa isaa ilaalchidee yaada ogummaa kan kennu kuufama ragaa ta’uu hubachiisu. Sirna qindaa’aa fayyadamuun jijiirama qilleensaa ittisuuf waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Daarekteerri Qabeenya Uumamaa fi qilleensa naannoo IGAD Daher Elmii Hussen gama isaaniin, pirojektiin Baankii Addunyaan hojjetamu waggaa torbaaf kan turu ta’uu fi sirna nyataa jabeessuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti itti Waamamaan IGAD Abebaw Bihoneny IGAD sirna fayyaa nyaataa mirkaneessuu, qabeenya uumamaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilichi Ifoomuun ergama IGAD Milkeessuuf shoora qabaachuu ibsaniiru. Walgahiin riijinichaa hanga Ebla 29/2017tti akka turus odeeffannoon IGAD irraa argame mul’isa.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Dargaggoonni Iluu Abbaa Booraa sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa jiru
May 2, 2025 201
Ebla 24/2017 (TOI)- Dargaggoonni Iluu Abbaa Booraa waldaan gurmaa’anii sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa akka jiran ibsan. Sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan garagaraa qophheeffamaa akka jiran waajjirri qonnaa godinichaa ibseera. Dargaggoonni aanaa Yaayyoo TOIn haasofsiise waldaan gurmaa’anii biqiltuu qophheessuun faayidaa argachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Carraan kun kan uumameef keessaa jiraataan aanaa Yayyoo dargaggoo Yohaannis Warquu keessumaa biqiltuu muduraa baay’inaan qopheessaa akka jiru ibseera. Biqiltuu amma ammaatti qopheessanirraa birrii kuma 400 akka abdatan eereera. Dargaggoo Fadluu Shaafii gamasaatiin hiriyyootasaa waliin ta’uun sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa akka jiru dubbatee, kanarraas birrii kuma 800 argachuuf karoorfateera. Dargaggoonni galii argataniin ala hojicharraa muuxannoo argachaa akka jiran dubbatee fuulduras caalaatti fayyadamuuf hojjechaa akka jiran eereera. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godinichaa obbo Malkaamuu Caalii, biqiltuun mukaa, nyaata loonii, akkasumas muduraawwan nyaataaf oolanii fi kanneen biroo akka ta’an dubbataniiru. Keessumaa biqiltuuwwan kuduraa nyaataa fi faayidaa dinagdeef oolan qopheeffamaa akka jiran himaniieu. Erga sagantaan ashaaraa magariisaa eegalamee asitti namoota godinichaa hedduuf carraan hojii waan uumameef namoonni hojii kana hojjetan faayyadamoo dinagdee ta’uusaanii dubbataniiru. Biqiltuu ashaaraa magariisaa waggoottan darban dhaabamaniin bosonna naannichaa dhibbantaa 71tti guddisuun akka danda’ame himaniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa faayidaa gurgurtaa Kaarbooniirraa argamu guddisuuf qooda olaanaa qaba-hayyoota
May 2, 2025 143
Ebla 24/2017(TOI)-Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtu faayidaan gurgurtaa Kaarbooniirraa argamu akka dabalu gumaacha guddaa kan qabu ta’uu hayyoonni damee kanarratti hojjetan ibsan. Dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu qolachuuf biyyoonni addattis ta’e waloomaan tarkaanfiiwwan garagaraa nifudhatu. Jijjiirama haala qilleensaaf sababadha jedhamuun kan eeraman biyyoota guddatan ta’us rakkoof kan saaxilaman garuu biyyoota guddachaa jiran ta’uu hayyoonni damee kanaa nidubbatu. Addunyaan hoo’ina olaanaa, lolaa fi ongeen qoramaa yoo jiraattu, bosonni manca’uun, lafti qullaatti hafuun, gaaziin Industiriiwwan keessaa bahan kanaaf ka’umsa ta’uu ni’ibsu. Sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa kana qolachuuf Itiyoophiyaan itti jirtu bosona dabaluu fi naannawa eeguuf qooda guddaa bahaa akka jiru hayyoonni TOI waliin gaaffii fi deebii taasisan ni’ibsu. Qindeessaan sagantaa ashaaraa magariisaa biyyaalessaa Dr.Adafris Warquu sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu bosona haphatee ture akka fooyya’u gumaachuusaa ibsaniiru. Uwwisi bosonaa yeroo ammaa dhibbantaa 23 ol qaqqabuusaa qorannoon bara darbe taasifame ifoomsuusaa eeraniiru. Kuusaan Kaarboonii guddaan Itiyoophiyaa keessa akka jiru fi kana keessaa irra caalaan bosona keessatti kan argamu ta’uu kaasaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluun alatti galii gurgurtaarraa Itiyoophiyaan argattu akka dabalu qooda olaanaa akka bahu dubbataniiru. Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu ibsaniiru. Yuunivarsiitii Finfinneetti hoogganaan kutaa barnoota saayinsii uumamaa fi barsiisaa fi qorataan ikoo siistamaa Dr. Biqilaa Warqinaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hinmalle qolachuuf hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa hojjechaa jirti jedhan. Bosona guddisuun faayidaa gurgurtaa kaarbooniirraa argamu guddisuuf nigargaara jedhaniiru. Faayidaa bosona dabaluun Itiyoophiyaan argatte keessaa gurgurtaa faayinaansii kaarboonii raawwachuushee fi kun wayita hojiirra oolu ikoo siistama caalaatti eegsisuuf jireenya qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa jijjiiruuf nidandeessisa jedhaniiru. Waliigaltee gama Kanaan Itiyoophiyaan baankii addunyaa fi Noorweey waliin mallatteessite Waabeffataniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaan deeggarsa maallaqaa pirojektoota eegumsa qabeenya uumamaa hojiirra oolchaa jirtuuf oolu argachaa akka jirtu ibsaniiru. Ashaaraa magariisaa dabalatee hojiileen Itiyoophiyaan eegumsa naannoo fulla’aa irratti hojjechaa jirtu sirriitti akka beekaman dippilomaasii jijjiirama haala qilleensaa cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Biqiltuun Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabamu godina Wallagaa Bahaa fi Harargee Lixaatti qopheeffamaa jira
Apr 26, 2025 385
Ebla 18/2017 (TOI):-Naannoo Oromiyaa godina Wallagaa Bahaa fi Harargee Lixaatti biqiltuuwwan akaakuu garagaraa ganna dhufu Sagantaa ashaaraa Magariisaan dhaabamu qophaa’aa jiraachuu waajjiraalee qonnaa godinootaa beeksisaniiru. Akka itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Wallagaa Bahaa Asfaaw Hambisaa ibsanitti, Sagantaa ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuu miiliyoona 544 ol godinicha keessatti dhaabuuf qophiin taasifamaa jira. Waggoota darbanitti biqiltuu dhaabame irraa hawaasni fayyadamoo ta’uu hubachiisuudhaan, bara kana kana caalaa hojjechuuf qophiin taasifamaa jira jedhan. Waajjirichatti gaggeessaan adeemsa hojii sululaa fi misooma bosonaa Obbo Dassaleny Bal’ataa, godinichatti sagantaa ganna bara kanaatiif biqiltuuwwan bosonaa, nyaata horii, fuduraalee fi biqiltoota biroo qophaa’uu ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun, Itti Gaafatamaan Garee Misooma Qabeenya Uumamaa Waajjira Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa godina Harargee Lixaa obbo Waasee Baqqalaa Sagantaa ashaaraa Magariisaa bara kanaaf baroota darban caalaa haala fooyya’aa ta’een qophiin taasifamaa jira jedhan. Bara kanas biqiltuuwwan gosa adda addaa miiliyoona 413 ol godinicha keessatti dhaabuuf qopheeffamaa kan jiran yoo ta’u, kana keessaa miiliyoona 82 ol biqiltuu firii kan akka giishxaa, avokaadoo; maangoo akka ta’an ibsaniiru. Lakkoofsi gosoota muka firii bara kana dhaabuuf karoorfame kan bara darbee miiliyoona 20 ol ta’uu agarsiisaniiru. Biqiltuun firii waggaa waggaan godinicha keessatti dhaabamaa jiru galii qonnaan bulaa dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 10497
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015