Angafoota Oduu
Hojiilee damee Innoveeshinii fi Teeknooloojiin hojjetamaniin bu’aaleen jajjabeessoon argamaniiru
Aug 28, 2025 30
Hagayya 22/2017(TOI)-Bu’aalee teeknooloojii guddina biyyaaf hojiirra oolchuun bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa dubbatan. Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas dhaabbileen naannolee dmichaa raawwii hojii bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti Dirreedawaatti mari’achaa jiru. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa marii kanarratti akka jedhanitti, guddinaa fi guddummaa biyyaa mirkaneessuuf bu’aalee teeknooloojii baay’inaa fi qulqullinaan hojiirra oolchuun xiyyeeffannoo argateera. Bara bajataa xumurame bu’aalee teeknooloojii fi hojiilee kalaqaa hojiitti galchuun tajaajiloonni teeknooloojiin deeggaraman kennuun bu’aan argamuu ibsaniiru. Bu’uraalee misoomaa diriirsuun fi naannolee waliin qindaa’iin hojii hojjitameen hojiileen fakkeenya qaban hojjetamuu yaadahiisaniiru. Kana malees labsiin ‘staar aappii’ mirkanaa’ee hojiitti cehuusaa dubbataniiru. Misoomaa fi ogummaa humna namaan lammiilen leenjii Itiyoo-koodiing miiliyoona shanii fudhachuun beekumsa dijitaalaa akka guddifatan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Mariin Dirree Dawaatti eegalame akka biyyaattis ta’e akka Dirree Dawaatti bu’aalee argaman cimsuu fi jijjiirama fooyya’aa fiduuf haala mijataa uuma kan jedhan ammoo maricharratti kan hirmaatan itti aanaa kantiibaa bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buh dha. Itti fufuun akka jedhanitti dhaabbileen bulchiinsa Dirree Dawaa teeknooloojii dijitaalaa fi bu’aalee kalaqaa haaraa fayyadamuun tajaajilli si’ataa fi hatattamaa ummata qaqqabaa jira. Hooggantoonni olaanoo ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas hooggantoonni naannolee damichaa waltajjii guyyoota lamaaf turu kanarratti nihirmaatu.
Itiyoophiyaan sirna bulchiinsaa fi dhabamsiisa balfa gogaa ammayyaa hojiirra ni’oolchiti
Aug 28, 2025 42
Hagayya 22/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sirna bulchiinsaa fi dhabamsiisa balfa gogaa seerota idil addunyaa waliin walsimuu fi ammayyaa hojiirra akka oolchitu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Itiyoophiyaa Injiinar Lalisee Namee ibsan. Injiinar Laliseen akka ibsanitti, labsiin oomishoota pilaastikaa altokko qofa fayyadan dhorku baatii jaha booda hojiirra ni’oola. Lakkoofsi labsii bulchiinsaa fi dhabamsiisa balfa gogaa 1383/2017 mana maree bakka bu’oota ummataan mirkanaa’uunsaa niyaadatama. Daarektarri olaanaa haala llabsiin kun hojiirra oolu irratti abbaan taayitichaa waltajjii leenjii qooda fudhattootaaf kennamaa jirurratti akka ibsanitti, dhimmoota gurguddoo labsichi qabate keessaa sirni bulchiinsaa fi dhabamsiisa balfa gogaa keessatti argama. Itiyoophiyaan labsii bulchiinsaa fi dhabamsiisuu balfa gogaa ammayyaa seerota idiil addunyaan walsimu qopheessuushee ibsaniiru. Akkaataa labsii kanaatiin pilaastikiiwwan al tookko qofa fayyadan biyya keessa galchuun, oomishuu fi gabaaf dhiheessuun akka hindanda’amne dubbataniiru. Kunis baatii jaha booda guutuu biyyaatti hojiirra akka oolu dubbataniiru. Oomishoota naannawarrattis ta’e namarratti miidhaa hingeessifne dhiheessuuf ministeera industirii fi damee oomishtootaa waliin hojjetamaa akka jiru himaiiru. Leenjiin har’aas labsichi sirnaan hojiirra akka oolu qooda fudhattoonni hubannoo akka argatan gochuuf kan akeekame ta’uu dubbataniiru. Itiyoophiyaa qulqulluu dhaloota dhufuuf dabarsuun ittigaafatama hundaa ta’uu beeksisaniiru.
Pirojektiin ijaarsa warshaa xaa’oo gudina dinagdee Itiyoophiyaa nisaffisiisa-Ministira maallaqaa Ahimad Shidee
Aug 28, 2025 71
Hagayya 22/2017(TOI)- Pirojektiin ijaarsa warshaa xaa’oo gudina dinagdee Itiyoophiyaa saffisiisuuf qooda guddaa akka qabaatu Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee ibsan. Itiyoophiyaa Invastimant hooldiing fi gareen Daangootee bakka ministirri muummee Dr. Abiyi Ahimad argamanitti pirojektii warshaa xaa’oo doolaara biiliyoona 2 tuqaa 5niin ijaaramuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin, imala gara wabii nyaataa fi cehumsa qonnaatti taasifnuuf boqonnaa biraarra gahuu keenyaafItiyoophiyaanonni hundi baga gammanne jechuun ibsaniiru. Waliigalteen ijaarsaa kun damee qonnaa deeggaruuf qooda olaanaa akka qabaatu Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee dubbataniiru. Xaa’oo Itiyoophiyaan baasii guuddaan galchitu oolchuun sharafa alaa hambisuuf gumaacha olaanaa baha jedhaniiru. Misooma qonnaa, Industirii fi albuudaa deeggaruun qooda guddaa akka qabaatu ibsaniiru. Guddina dinagdee Itiyoophiyaa saffisiisuun, carraa hojii uumuu fi misooma bakka warshichi itti ijaaramuu dadammaqsuuf faayidaa olaanaa akka qbau dubbataniiru. Waliigalteen kun Itiyoophiyaanotaaf gammachuu jala bultii bara haaraati jechuun ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa dhiheenya akka eebbifamu kan eeran ministirichi, warshaan xaa’oo kun akka hidha haaromsaa guddicha biraatti akka fudhatamu dubbataniiru. Warshichi Itiyoophiyaa wiirtuu riijinichaa dhiheessii xaa’oo akka ishee taasisus ibsaniiru.  
Warshaa Xaa’oo oomishu kana baatiiwwan afurtamatti xumuruuf nihojjetama-Dr. Buruuk Taayyee
Aug 28, 2025 61
Hagayya 22/2017(TOI)-Warshaa Xaa’oo Itiyoophiyaa Ivastimant hooldiing fi garee Daangooteen ijaaramu kana baatii afurtamatti xumuruuf akka hojjetamu hojii raawwachiisaan olaanaa Itiyoophiyaa invastimant hooldiing Dr. Buruuk Taayyee ibsan. Itiyoophiyaa Ivastimant hooldiing fi garee Daangootee pirojektii warshaa xaa’oo doolaara biiliyoona 2 tuqaa 5niin ijaaramuuf har’a waliigaltee mllatteessaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Itiyoophiyaa invastimant hooldiing Dr. Buruuk Taayyee waliigaltee kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, ijaarsi warshaa xaa’oo kun baatii afurtamatti xumuruuf akka hojjetamu dubbataniiru. Gareen Daangootee dhaabbata sadarkaa Afriikaatti warshaa xaa’oo guddaa kan qabu ta’uu kan ibsan hojii raawwachiisaan kun, waggoottan 16 darban warshaa simintoorratti invast gochaa kan jiru ta’u kaasaniiru. Waliigalteen har’aa kun warshaa Yuuriyaa galtee qonnaaf oolu meetiriik toonii miiliyoona 3 kan doolaara biiliyoona 2 tuqaa 5tti tilmaamamu oomishu ijaaruufidha jedhaniiru. kanaanis gareen Itiyoophiyaa Invastimenti holding qooda dhibbanta 40 kan qabu ta’uu kan ibsan yoo ta’u, gareen Daangootee immoo dhibbentaa 60 akka qabaatu beeksisaniiru. Pirojektichi Qabeenya uumamaa Boba’aa Itiyoophiyaan qabdu fayyadamuun sararri dabarsa boba’aa ijaarameefii gara hojiitti akka galus ibsaniiru. Gareen Daangootee Waarshaawwan kana fakkaatu ijaaruun dhaabbata muuxannoo qabu ta’uu kaasuun pirojektii kana baatiwwan 40 keessatti xumuruuf akka hojjetamu beeksiseera. Galteen Xaa’oo Yuuriyaa keessaa tokko Gaazii uumamaati kan jedhan hojii gaggeessaa olaanaan kun, gaazii kana kuufama kaluubii fi Hilaalaa irraa fudhachuun sarara dabarsa gaazii Km. 109 akka ijaaramu ibsaniiru. Sararri Dabarsa Gaazii kun Naannoo Somaalee Godee kan ga’u ta’uu fi waarshichi Godeetti kan Ijaaramu ta’uu beeksisaniiru. Dabalataanis Gaaziin uumamaa galtee kan biroof ta’uu kan danda’u waan ta’eef , Waarshaa Dabalatee Godeetti Industirii peetrookeemikaalaa Itiyoophiyaa hundeessuuf karoora qabaachuu beeksisaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Itiyoophiyaan Siwiizarlaandii fi Maaltaa waliin hariiroo daldalaa fi invastimantii cimsuuf nihojjetti
Aug 26, 2025 341
Hagayya 20/2017(TOI)-Itiyoophiyaan Siwiizarlaandii fi Maaltaa waliin hariiroo daldalaa fi invastimantii caalaatti cimsuuf akka hojjettu pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee yeroo turtiisaanii kan xumuran Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Siwiizarlaand Tamaraa Moonaa fi ambaasaaddara Maaltaa Roonaald Miikaaleef gaggeessaniiru. Hariiroon dippilomaasii gamlamee fi biyyoota hedduu biyyoonni lamaan Itiyoophiyaa waliin qaban akka cimu gumaacha ambaasaaddaroonni gaggeeffaman gumaachaniif galateeffataniiru. Keessumaa pirezidaantichi marii ambaasaaddara Siwiizarlaand waliin taasisaniin hariiroon gama hedduu biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf fulla’e yeroo gara yerootti cimaa dhufuu kaasaniiru. Hariiroon kun daawwannaa fi marii siyaasaa sadarkaa hooggantooota mootummaa olaanoon taasifamaniin tumsisaanii caalaatti gabbachaa dhufuunsaa ibsameera. Haala wal fakkaatuun Maaltaa Embaasii dhiheenya bantus yeroo gabaabaa keessatti Itiyoophiyaa waliin tumsa cimaa uumuunshee ibsameera. Tumsisaanii keessumaa dameelee barnootaa fi aadaan cimaa dhufuun himameera. Hariiroon guddachaa dhufe keessumaa damee dinagdeen caalaatti cimuu akka qabu pirezidaant Taayyeen kaasuusaanii marii kana kan hordofan ministeera dhimma alaatti daarektar Jeneraaliin dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa ambaasaaddar Abrahaam Mangistuu TOI’f ibsaniiru. Yeroo hojii isaanii xumuranii kan gaggeeffaman ambaasaaddarri Siwiizarlaand Tamara Moonaa turtiisaniin Siewiizarlaand Itiyoophiyaa waliin hariiroo cimaa akka qabdu eeranii, kana cimsuuf hojii bu’a qabeessa hojjechuusaanii dubbataniiru. Keessumaa Siwiizarlaand hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Ameerikaatti qabdu caalaatti cimsuuf hojiilee haaraa xiyyeeffannoon raawwachuusaanii himaniiru. Yeroo hojiisaanii kan xumuran ambaasaaddarri Maaltaa Roonaald Miikaaleef, Maaltaa Yeroo gabaabaatti Embaasiishee Finfinnetti banuun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hojiin guddaan hojjetamuu dubbataniiru.
Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf tokkummaa keessoo fi dandeettii dinagdee cimsuu barbaachisa
Aug 25, 2025 470
Hagayya 19/20 (TOI)- Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf tokkummaa keessoo fi dandeettii dinagdee cimsuun akka barbaachisu hoogganaan hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan. Woorkishooppiin Korporeeshiniin miidiyaa Amaaraa(Amikoo) ayyaana hundeeffamasaa waggaa 30ffaa ilaalchisee mata duree “ miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa fi nageenyaaf” jedhuun qophaa’e magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamaa jira. Hoogganaan hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa mata duree “miidiyaan faayidaa Biyyaalessaaf” jedhuun waraqaa qu’annoo dhiheessaniiru. Barreffama Kanaan akka Argisiisanitti, Itiyophiyaanonni hundi faayidaa Biyyoolessaa Itiyoophiyaa karaa hundumaan kabachiisuuf hirmaachuu qabu. Sochiin faayidaa biyyoolessa biyyyattii miidhan kamiyyuu olaantummaa yaadaan falmuu fi fashaleessuun akka malu ibsaniiru. kanaafis tokkummaa keessaa fi nagaa eegsisuun akkasumas humna Dinagdee cimsuu fi humna dimokiraasii cimsachuun hirmaachuu akka qaban ibsaniiru. Mootummaan Badhadhina Itiyoophiyaa kallattii hundumaan mirkaneessuuf gama hundaan cimee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru. Haa ta’u malee Miidiyaaleen faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu irratti ajandaa umanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. De’eetaan Miinistira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gobazaay, Itti Aanaa af-yaa’iin Mana maree Naannoo Amaaraa Amaaree Sexxen dabalatee hoggantoonni hojii biroon qorannicharrtti hirmaachaa kan jiran yoo ta’u , qorannoo barreefamaa dhihaaterraatti mariin gaggeeffamaa jira.
Paartileen siyaasaa kudha tokko gamtaa uuman
Aug 20, 2025 831
Hagayya 14/2017(TOI)- Paartileen siyaasaa sadarkaa naannoo kudha tokko gamtaa uumuu isaanii beeksisan. Paartileen siyaasaa gamtaa uuman guyyaa har’aa yaa’ii gaggeessaa jiru. Paartileen siyaasaa kunneen garaagarummaansaanii akkuma jirutti ta’ee kaayyoo waloof gamtoomanii akka hojjetan eerameera. Walitti qabaan koree qindeessaa gamtoominaa Daaroot Gum’aa akka jedhanitti, paartileen siyaasaa walitti dhufuun tokkummaan humna ta’uusaa qabatamaan agarsiisa jedhaniiru. Paartileen kaayyoo mataasaanii qabachuun milkaa’ina waloof qindoomina uumuusaanii eeranii, aadaa siyaasaa fooyya’aa ijaaruuf shoora olaanaa akka bahu dubbataniiru. Qindoominni kun Itiyoophiyaa wyyitu dhalootaaf dabarsuuf akka fayyadu eeranii, aadaan siyaasaa akka ammayyoomu qoodasaa akka bahu dubbataniiru. Walitti qabduun boordii filannoo Itiyoohiyaa Meelaatwarq Hayiuu wayita kana, humna walitti qabachuun kaayyoo waloo fi fooyya’aaf hojjechuun gaarii ta’uu dubbataniiru. Garaagarummaa kabajuun waloomaan hojjechuun sirni siyaasaa fayyaalessi akka gabbatu gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Qindoominni kun filannoon biyyaalessaa dhufu guutummaan amanamaa akka ta’u qoodasaanii akka bahan gaafatanii, boordichi qindoomina kana deeggaruu qophaa’aa ta’uusaa mirkaneesaniiru. Walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin, qindoominni paartilee ijaarsi sirna demokiraasii akka gabbatu shoora guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Paartileen qindooman Agawu haqaa fi demokiraasiif, Agawu shangoo biyyaalessaa, paartii demokiraatawaa Tigraayi, paartii demokiraatawaa ummattoota Doongaa, Paartii demokiraatawaa Moochaa, Sosochii demokiraatawaa saba Argobbaa, Paartii adda bilisa baasaa Affaar, paartii demokiraatawaa Gaamoo,dhaabbata demokiraatawaa ummata Kaafaa, paartii magariisaa Kaafaa fi sosochii demokiraatawaa umattoota Gaambeellaa ti.

Hawaasummaa
Gamtaan Afriikaa qooda dubartoonni nageenyarratti qaban guddisuuf xiyyeeffannoon nihojjetaMahaammud Alii Yuusuuf
Aug 28, 2025 74
Hagayya 22/2017(TOI)- Gamtaan Afriikaa dubartoonni nageenya a fi tasgabbii ardii Afriikaarratti qooda qaban caalaatti guddisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriika Mahaammud Alii Yuusuuf ibsn. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriika Mahaammud Alii Yuusuuf jila addaa dubartootaa, nagaa fi tasgabbii gamtichaa haraa muudaman ambaasaaddar Layibeerataa Mulamulaa waliin marii tarsiimawaa jalqabaa Finfinneetti gaggeessaniiru. Carraaqqii gamtaa Afriikaatti walitti bu’iinsa furuuf taasifamu keessatti gaggeessummaa fi eegumsi dubartootaa wiirtuu xiyyeeffannaa ta’uu akka qabu durataa’aan kun dubbataniiru. Keesumaa dubartoonni bakkeewwan walitti bu’iinsii fi yaddoon jiranitti dhimmichi xiyyeeffannoon addaa akka barbaachisu ibsaniiru. Ittigaafatamni hojii ambaasaaddar Layibeerataa galmoota yeroo dheeraa kan akka ajandaa 2036 fi caasaa nagaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa (APSA) waliin walitti hidhamuun gamatti marii fi adeemsa nageenyaa gamtichi hoogganu irratti jaarsummaa dubartootaa fi hubannaa sirna saalaa waliin walitti hidhuuf galma kan qabu ta’uu dubbataniiru. Waliin dubbachuun gamatti dubartootaaf eegumsa gochuu qofa osoo hintaane dhimma nagaa fi tasgabbii Afriikaarratti murtee akka kennan gochuu barbaachisa jedhaniiru. Hawaasonni dinagdee riijinii, dhaabbileen idil addunyaa fi waldalee siviikii mandhalee dhimma dubartootaarratti tumsa cimaa uumuu fi sirna ittigaafatama ardii Afriikaa caalaatti mirkaneessuun akka barbaachisu dubbataniiru. Innisheetifoota Dubartootaan gaggeeffaman dhiheessiin faayinaansii fulla’aa jiraachuu qaba kan jedhan dura taa’ichi, gama Kanaan Gamtaan Afriikaa Pirojektiiwwan adda addaaf deeggarsa guutuu akka kennu mirkaneesseera. Gamtaan Afriikaa Dubartoonni Ijaarsa biyyaa keessatti qooda qaban guddisuuf cimsee akka hojjetu dubbataniiru. Ergamtuun Addaa dhimma Dubartootaa, Nagaa fi tasgabbii Gamtaa Afriikaa, Ambaasaaddar Laayibeerta Mulamulaa bara Aangoosaanii Waggaa Jalqabaatti kabajamuu Mirga dubartootaaf cimanii falmuu, haggansa siyaasaa dubartootaa guddisuu fi bu’aa qabatamaa koorniyaa irratti hundaa’e fiduu irratti xiyyeeffannaan akka hojjetan ibsaniiru. Mariin kun Gamtaan Afriikaa Waadaalee Ardii fi biyyoota Miseensaa gara bu’aa qabatamaatti jijiiruun dubartoonnii fi shamarran qooda adeemsa nagaa fi tasgabbii Ardichaa keessatti qaban guddisuun jijjiirama fiduuf kutannoo cimaa qabu akka agarsiisu odeeffannoon TOI'n gamtaa Afriikaarraa argate nimul'isa.
Hojiin Miidiyaa fi Kominikeeshinii Afirikaa Badhaate Milkeessuuf qooda murteessaa qabu- Ministira Dr.Laggasee Tulluu
Aug 27, 2025 145
Hagayya 21/2017(TOI)- Hojiin Miidiyaa fi Komunikeeshinii Seenessa Waloo Ijaaruun, Eenyummaa Waloo fi Hiree Waloo agarsiisuudhaan Afriikaa Badhaatae Milkeessuuf qooda murteessaa qabu jedhan Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Dr.Laggasaa Tullu. Yaa’iin Waldaa Komunikeeshinii Afriikaa Bahaa 15ffaa Mata duree “Miidiyaa fi Komunikeeshiniin walitti makamuu Afriikaaf” jedhuun gaggeeffamamaa jira. Yaa’icha irratti argamuun Haasaa kan taassisan Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu akka jedhanitti, Afriikaan Ajandaa Gamataa Afriikaa 2063 qaxanaa Daldala walabaa Ardii Afriikaa fi karoora Ardii adda addaan gara walitti makamuu cimaa Diinagdee, Siyaasaa fi Aadaatti Ce’aa jirti jedhaniiru. Walitti makamuu Riijinii fi Ardii dhugomsuuf walitti hidhaminisi bu’uuraalee Misoomaa, Tumsa Riijinii Jabeessuunii fi Biyyoota Afriikaa jidduutti wal-jijiirraa Aadaa cimaa taassisuun barbaachisaadha jedhaniiru. Hojiin Miidiyaa fi Komunikeeshiniin Seenessa waloo Ijaaruun, Eenyummaa Waloo fi Hiree argisiisuun Afriikaa Badhaate Milkeessuuf qooda murteessaa akka qaban Ibsaniiru. Miidiyaa fi koomunikeeshiniin tamsaasa odeeffannoo qofa osoo hin ta’iin dhaabbata waliigaltee fi hunda galeessaa fi hawaasa nagaa qabeessa bocuuf bu’uura ta’uusaanii dubbataniiru. Waldichi rakkoolee Industirii Miidiyaa fi Komunikeeshinii furuuf yaada furmaataa dhiheessuun caalaatti qooda cimaa taphachuu qaba jedhaniiru. Hayyoonni Damichaa walitti makamuu Afriikaa cimsuu fi Afriikaa Badhaate dhugoomsuuf rakkoolee gufuu ta’uu danda’an hanbisuuf daandii ida’amuu argisiisuun tattaaffii isaanii cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hojiileen sirna Buusaa Gonofaa cimsanii fi abbummaa hawaasaa guddisan hojjetamaa jiru
Aug 26, 2025 215
Hagayya 20/2017 (TOI)- Hojiileen sirna Buusaa Gonofaa caalaatti cimsanii fi miira abbummaa hawaasaa guddisan hojjetamaa jiraachuu hoogganaan Buusaa Gonofaa Naannoo Oromiyaa obbo Mahaammad Jundii dubbatan. Hooggantoonni Buusaa Gonofaa Oromiyaa waltajjii komunikeeshiniin naannichaa mata duree ‘Gumii Balballoomii’ jedhuun qopheesserratti hojiilee sirnichi bu’ura ummataa akka qabaatu hojjetamaa jiranirratti ibsa kennaniiru. Hoogganaan buusaa gobofaa naannichaa obbo mahaammad Jundii akka jedhanitti, sirna Gadaarraa kan maddee fi sirna walgargaarsaa kan ta’e Sirni Buusaa Gonofaa akka cimu taasifamaa jira. Keessumaa ummanni qaama biraarraa gargaarsaa fi deeggarsa eeguu jalaa bahee rakkoolee mudatan dandeettii ofiin damdamatee darbuu akka dandahu taasifamaa jira jedhaniiru. ABuusaa Gonofaa Oromiyaan amma ammaatti miseensa miiliyoona 27 horachuusaa eeranii, buusii isaanirraa argamuu fi kennaa kennamuufiin cimaa dhuufuu dubbataniiru. Haala Kanaan balaawwan uumamaa fi namtolchee naannichatti mudatanii ture dandeettii ofiin damdamachuusaa ibsaniiru. Bara bajataa 2017 naannicharra darbee naannolee biroofillee deeggarsa gochuusaa himaniiru. Itti aanaan hoogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Tafarii Bayyanaa gamasaaniin, Buusaa Gonofaa Oromiyaan wayita rakkooleen mudatan qofa osoo hintaane hojiilee raagaa balaan duraa xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Kaayyoon ijoo Buusaa Gonofaa Oromiyaa hawaasni yaadama dandeettii isaatiin rakkoolee jala darbuu fi damdamachuu jiddugala godhatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Buusaa Gonofaan hojii deeggarsaa fi gargaarsaa idilee cinaatti soorata barattootaa naannichatti raawwatamu karaa Buusaa Gonofaa akka deeggaramu eeranii, manneen barnootaa baadiyyaatti argaman lafa qabanirratti qonna qotuun akka ofgargaaran taasifamaa akka jiru dubbataniiru.
Diinagdee
Pirojektiin ijaarsa warshaa xaa’oo gudina dinagdee Itiyoophiyaa nisaffisiisa-Ministira maallaqaa Ahimad Shidee
Aug 28, 2025 71
Hagayya 22/2017(TOI)- Pirojektiin ijaarsa warshaa xaa’oo gudina dinagdee Itiyoophiyaa saffisiisuuf qooda guddaa akka qabaatu Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee ibsan. Itiyoophiyaa Invastimant hooldiing fi gareen Daangootee bakka ministirri muummee Dr. Abiyi Ahimad argamanitti pirojektii warshaa xaa’oo doolaara biiliyoona 2 tuqaa 5niin ijaaramuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin, imala gara wabii nyaataa fi cehumsa qonnaatti taasifnuuf boqonnaa biraarra gahuu keenyaafItiyoophiyaanonni hundi baga gammanne jechuun ibsaniiru. Waliigalteen ijaarsaa kun damee qonnaa deeggaruuf qooda olaanaa akka qabaatu Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee dubbataniiru. Xaa’oo Itiyoophiyaan baasii guuddaan galchitu oolchuun sharafa alaa hambisuuf gumaacha olaanaa baha jedhaniiru. Misooma qonnaa, Industirii fi albuudaa deeggaruun qooda guddaa akka qabaatu ibsaniiru. Guddina dinagdee Itiyoophiyaa saffisiisuun, carraa hojii uumuu fi misooma bakka warshichi itti ijaaramuu dadammaqsuuf faayidaa olaanaa akka qbau dubbataniiru. Waliigalteen kun Itiyoophiyaanotaaf gammachuu jala bultii bara haaraati jechuun ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa dhiheenya akka eebbifamu kan eeran ministirichi, warshaan xaa’oo kun akka hidha haaromsaa guddicha biraatti akka fudhatamu dubbataniiru. Warshichi Itiyoophiyaa wiirtuu riijinichaa dhiheessii xaa’oo akka ishee taasisus ibsaniiru.  
Warshaa Xaa’oo oomishu kana baatiiwwan afurtamatti xumuruuf nihojjetama-Dr. Buruuk Taayyee
Aug 28, 2025 61
Hagayya 22/2017(TOI)-Warshaa Xaa’oo Itiyoophiyaa Ivastimant hooldiing fi garee Daangooteen ijaaramu kana baatii afurtamatti xumuruuf akka hojjetamu hojii raawwachiisaan olaanaa Itiyoophiyaa invastimant hooldiing Dr. Buruuk Taayyee ibsan. Itiyoophiyaa Ivastimant hooldiing fi garee Daangootee pirojektii warshaa xaa’oo doolaara biiliyoona 2 tuqaa 5niin ijaaramuuf har’a waliigaltee mllatteessaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Itiyoophiyaa invastimant hooldiing Dr. Buruuk Taayyee waliigaltee kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, ijaarsi warshaa xaa’oo kun baatii afurtamatti xumuruuf akka hojjetamu dubbataniiru. Gareen Daangootee dhaabbata sadarkaa Afriikaatti warshaa xaa’oo guddaa kan qabu ta’uu kan ibsan hojii raawwachiisaan kun, waggoottan 16 darban warshaa simintoorratti invast gochaa kan jiru ta’u kaasaniiru. Waliigalteen har’aa kun warshaa Yuuriyaa galtee qonnaaf oolu meetiriik toonii miiliyoona 3 kan doolaara biiliyoona 2 tuqaa 5tti tilmaamamu oomishu ijaaruufidha jedhaniiru. kanaanis gareen Itiyoophiyaa Invastimenti holding qooda dhibbanta 40 kan qabu ta’uu kan ibsan yoo ta’u, gareen Daangootee immoo dhibbentaa 60 akka qabaatu beeksisaniiru. Pirojektichi Qabeenya uumamaa Boba’aa Itiyoophiyaan qabdu fayyadamuun sararri dabarsa boba’aa ijaarameefii gara hojiitti akka galus ibsaniiru. Gareen Daangootee Waarshaawwan kana fakkaatu ijaaruun dhaabbata muuxannoo qabu ta’uu kaasuun pirojektii kana baatiwwan 40 keessatti xumuruuf akka hojjetamu beeksiseera. Galteen Xaa’oo Yuuriyaa keessaa tokko Gaazii uumamaati kan jedhan hojii gaggeessaa olaanaan kun, gaazii kana kuufama kaluubii fi Hilaalaa irraa fudhachuun sarara dabarsa gaazii Km. 109 akka ijaaramu ibsaniiru. Sararri Dabarsa Gaazii kun Naannoo Somaalee Godee kan ga’u ta’uu fi waarshichi Godeetti kan Ijaaramu ta’uu beeksisaniiru. Dabalataanis Gaaziin uumamaa galtee kan biroof ta’uu kan danda’u waan ta’eef , Waarshaa Dabalatee Godeetti Industirii peetrookeemikaalaa Itiyoophiyaa hundeessuuf karoora qabaachuu beeksisaniiru.
Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddicha Bu’uura Ijaarsa seenessa waloo fi  Agarsiistuu  Milkaa’ina biyyoolessaati
Aug 28, 2025 48
Hagayya 22/2017(TOI)- Hidhi Haaromsa Itiyophiyaa guddicha Itiyoophiyaanonni Seenaa Haaraa kan barreessan, Bu’uura Ijaarsa Seenessa waloofi agarsiistuu milkaa’ina biyyaa ta’uu Yuunvarsiiii Haromayaatti Hayyoonni TOI’n dubbise ibsan. Erga dhakaan bu’uuraa Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa guddichi kaa’amee eegalee Itiyoophiyaanonni kallattii hundumaan tokkummaa Sab-daneessummaasaanii argisiisuun Maallaqaan, humnaa fi dhiibbaa kamiinuu osoo hin raafamiin fuuldura dhaabbachuun pirojeektii Ijaaran ta’uun ni beekama. Ijaarsicha gufachiisuuf Qaamoleen Biyya keessaa fi Alaatti tattaafatan jiraataniin osoo hin raafamiin milkaa’inaa galmeessuun seenaa haaraa hojjechuuf carraan uumameera. Adeemsa kana hunda keessatti Carraqqii Dippiloomaasii Mootummaa, tokkummaa fi Tumsa Uummataa, qabatamaan kana argame ta’uun ni beekama. Dhimma kana irratti Hayyoota Yuunvarsiistii Haroomayyaa TOI’n dubbise, Hidhi haaraomsa Itiyoophiyaa guddichi bu’uura Ijaarasa seenessa waloo fi mul’istuu Milkaa’ina biyyaa ta’uu ibsaniiru. Yuunvarsiitichatti InistitiyuutiiTeekinooloojiitti kutaa barnoota Qabeenya Bishaanii fi Injiinaringiitti Barsiisaa fi Qorataan Dr. Eeliyaas Jamaal akka jedhanitti, Ijaarsi Hidhichaa, Itiyoophiyaa irra darbee pirojektii guddaa biyyoota riijinichaa, Misooma Aannisaatiin walitti hidhuu kan danda’u ta’uu kaasaniiru. Pirojektichi Babal’ina industiriiwwaniif, Guddina Qabeenya Turizimiitiif, kunuunsa qabeenya Uumamaatii fi misooma qabeenya Qurxummiitiif galtee ta’uu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni humna ofiin pirojektiiwwan guddaa dhugoomsuu akka danda’an qabatamaan kan argame, milkaa’ina misooma biyyolessaa, ibsituu waloomaa fi hambaa dhaabbataa bu’uura seenessa waloo ta’uu ibsaniiru. Yuunvarsiistichatti Diiniin kolleejjii Biizinasii fi Ikkonoomiksiitti, barsiisaan damee Barnoota Diinagdee Barsiisaa Araarsaa Abarraa Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddicha Aanniisa maddisiisuurra darbee bu’uura guddina biyyaa fi madda qabeenya hedduu ta’uu ibsaniru. Naannichatti Misooma qabeenya Qurxummii guddisuu fi bakkeewwan Hawwata Tuuristii ta’uun qabeenya dhalootaaf darbu ta’uus kaasaniiru. Hidhichi mallattoo Tokkummaa sab-daneessummaa, dandeettiin danda’uu fi raawwachuu kan itti argame ta’uu dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojiilee damee Innoveeshinii fi Teeknooloojiin hojjetamaniin bu’aaleen jajjabeessoon argamaniiru
Aug 28, 2025 30
Hagayya 22/2017(TOI)-Bu’aalee teeknooloojii guddina biyyaaf hojiirra oolchuun bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa dubbatan. Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas dhaabbileen naannolee dmichaa raawwii hojii bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti Dirreedawaatti mari’achaa jiru. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa marii kanarratti akka jedhanitti, guddinaa fi guddummaa biyyaa mirkaneessuuf bu’aalee teeknooloojii baay’inaa fi qulqullinaan hojiirra oolchuun xiyyeeffannoo argateera. Bara bajataa xumurame bu’aalee teeknooloojii fi hojiilee kalaqaa hojiitti galchuun tajaajiloonni teeknooloojiin deeggaraman kennuun bu’aan argamuu ibsaniiru. Bu’uraalee misoomaa diriirsuun fi naannolee waliin qindaa’iin hojii hojjitameen hojiileen fakkeenya qaban hojjetamuu yaadahiisaniiru. Kana malees labsiin ‘staar aappii’ mirkanaa’ee hojiitti cehuusaa dubbataniiru. Misoomaa fi ogummaa humna namaan lammiilen leenjii Itiyoo-koodiing miiliyoona shanii fudhachuun beekumsa dijitaalaa akka guddifatan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Mariin Dirree Dawaatti eegalame akka biyyaattis ta’e akka Dirree Dawaatti bu’aalee argaman cimsuu fi jijjiirama fooyya’aa fiduuf haala mijataa uuma kan jedhan ammoo maricharratti kan hirmaatan itti aanaa kantiibaa bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buh dha. Itti fufuun akka jedhanitti dhaabbileen bulchiinsa Dirree Dawaa teeknooloojii dijitaalaa fi bu’aalee kalaqaa haaraa fayyadamuun tajaajilli si’ataa fi hatattamaa ummata qaqqabaa jira. Hooggantoonni olaanoo ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas hooggantoonni naannolee damichaa waltajjii guyyoota lamaaf turu kanarratti nihirmaatu.
Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse
Aug 26, 2025 162
Hagayya 20/2017(TOI)-Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse Dhaabbatichi tarsiimoo Addis Admaas waggoota sadii itti aanu bara 2018 amma 2020tti hojiirra oolu ifoomseera. Hojii raawwachiistuu olaanaan Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka ibsanitti, Addis Admaas tarsoomoo waggaa sadan dhufanii jalqabbii haaraa, abdii haaraa fi ilaalcha haaraa kan qabatedha. Tarsiimoon kun tarsiimoo biyyoolessaa fi karoora, taateewwan Idil Addunyaa akkasumas, hirmaachisummaa faayinaansii gidduugaleeffatee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoon Addis Adimaas Mul’ata nama irratti xiyyeefate qabatee karoora damee dameen qabaman akka milkaa’aniif kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Tarsiimichi tumsaa fi tokkummaa, olaantummaa, wal-amantaa fi tumsa, kalaqaa fi Itti Gaafatamummaa Hawaasaa galmaan ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Cehumsa Dijiiaala Itiyophiyaa cimsuuf Teekinooloojii Dijiitaalaaf dursa kennuu fi fedhii maamiltootaa bu’uura godhachuun kallattii fuulduraati jedhaniiru. Humna namaa Teekinooloojiiwwa Beekumsa haaraa fi dandeettii gaafatu madaalu horachuu, kalaqa nam-tolcheen tajaajila saffisaa kennuu, dhaabbata namoonni itti amanuu danda’an ijaaruun xiyyeeffannoo tarsiimoo kanaa ta’uu ibsaniiru. Itti quufinsa maamilaa guddisuu, gahumsa hojii guddisuu, raawwii hojjettootaa Madaaluu, fi gaggeeessummaa gabaa mirkaneessuun safartuu milkaa’ina tarsiimoo kanaa ta’uu eeraniiru.
Dijitaal Itiyoophiyaan gabaa walitti hidhuu fi baasii hinmalle oolchuun hawaasa daldalaa tajaajila mootummaa mijataa akka argatu gochaa jira
Aug 25, 2025 203
Hagayya 19/2017(TOI)- Dijitaal Itiyoophiyaan gabaa walitti hidhuu fi baasii hinmalle oolchuun hawaasa daldalaa tajaajila mootummaa mijataa akka argatu gochaa akka jiru manni maree waldaalee daldalaa fi damee Itiyoophiyaa ibse. Mindaan hojjettoota mootummaa fooyya’uunsaa gabaarratti rakkoo tokkollee akka finne ibsameera. Pirezidaantiin manni maree waldaalee daldalaa fi damee Itiyoophiyaa Sabsib Abbaafiraa TOI’ waliin turtii taasisanin, manni maree daldalaa hojii fi ittigaafatama labsiin kennsmeef bahachuuf fooyyessa tarsiimawaa gochuusaa beeksisaniiru. Manni marichaa carraaqqii mootummaa dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf taasisu keessatti hawaasni daldalaa karaa teeknooloojii akka fayyadamu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Sirni dijitaal Itiyoophiyaa gabaa walitti hidhuun, yeroo qusachuu fi baasii hinmalle oolchuun hawaasa daldalaaf tajaajila mootummaa mijataa akka argatu gochaa akka jiru dubbataniiru. Daldalli haala gaariin akka gaggeeffamuu fi seerri kabajamee akka ittifufu dhaabbilee qooda fudhattootaa fi qaamolee federaalaa amma aanaatti argaman waliin tumsaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo sirni daldalaa ammayyaa teeknooloojiin deeggarame uumametti mindaan hojjettoota mootummaa fooyya’uunsaa gabaarratti rakkoo tokkoyyuu hinfidu jedhaniiru. Hojiin milkaa’oon walabunyaa nyaataa Itiyoophiyaatti mirkaneessuuf hojjetaman dhiheessii fi fedhii oomishaa irratti qooda gaarii bahaa akka jiru kaasaniiru. Qaamoleen mindaan hojjettoota mootummaa fooyya’uu sababeeffachuun gatii hinmalle dabalan jiraachuu akka danda’an nitilmaamama jedhaniiru. Mindaan hojjettoota mootummaa fooyya’uunsaa sirna daldalaarratti ulaa kamiyyuu uumamuuf wanti sababa ta’u hinjiru jedhaniiru. Hawaasni daldalaas yoomiyyuu caalaa ummatasaanii shamatee buluuf tajaajila qulqulluu kennuufiin akka irraa eegamu ergaa dabarsaniiru.
Leenjii Itiyoo-Koodarsiin beekumsa bu’uuraa Teekinooloojii Dijiitaalaa Argachaa jirra- Hirmaattota Leenjichaa
Aug 23, 2025 274
Hagayya 17/2017(TOI)-Leenjii Itiyoo-Koodarsiin beekumsa bu’uuraa Teekinooloojii Dijiitaalaa Argachaa jiraachuu hojjettoonni mootummaa fi Barattoonni Magaalaa Jimaatti Leenjicha Hordofaa jiran dubbatan. Hojjettooni Mootummaa fi Barattoonni Magaalaa Jimmaatti Leenjicha hordofaa jiran leenjicharraa faayidaa hedduu argachuu isaanii dubbataniiru. Sagantichaan Leenji’aa kan jiru Mitikkuu Abdataa Leenjichi beekumsa qabatamaa Teekinooloojii Dijiitaalaa Ammayyaa argachuuf akka isa gargaare dubateera. Haala mijataa leenjii Itiyoo-koodarsii uumameefiin koorsiiwwan onlaayinii Afur fudhachuusaanii ibsuun, keessumaa Koorsiiwwan saayinsii Daataa fi hubannoo namtolcheen hubannaa guddaa akka isaaf uume ibseera. Hojjetaa mootummaa Abdusalaam Xayib, Baatii gannaa leenjicha hordofee xumuruun beekumsa isaa akka dabaleef ibseera. Leenjichi ogummaa adda addaaf kan deeggaru waan ta’eef, hojjettoonni Mootummaa Leenjicha hin fudhanne yoo fudhatan faayidaa guddaa argatu jedheera. Leenjii Itiyoo-Koodarsii Fudhateen gama Teekinooloojii Dijiitaalaan beekumsa fooya’aa argachuu kan ibse immoo, barataa Abbaas Alamuu, fuulduraatti damee Kanaan hojii dhuunfaa banachuuf karoorsuu dubbateera. Beekumsaa fi dandeettii leenjichaan argateen Appilikeeshinii Mobaayilii irratti hojii hojjechuuf fedhii akka qabu dubbateera. Leenjichi qindeessuummaa waajjiraalee Barnootaa, Carraa Hojii Uumuu fi ogummaan akkasumas Qindeessummaa Waajjira Sivil sarvisiin kennamaa jiraachuu ibsameera. Waajjiraalee Leenjicha Qindeessan keessaa tokko Waajjira Sivilsarvisii Bulchiinsa magaalaa Jimmaattii dursaan garee Teekinooloojii Odeeffannoo Naasir Amaan , Leenjichi dandeettii teekinooloojii Dijiitaalaa guddisuun dandeettii raawwachiisummaa hojjettootaa gabbisuuf nigargaara jedhaniiru. Waajjirichi Hojjettoota Mootumaa Bulchiinsa magaalichaa jala jiran , Barattootaa fi barsiisonni leenjicha akka fudhataniif, deeggarsa barbaachisaa kennaa jiraachuu ibsuun, leenjichi cimee itti fufuu himaniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan sirna bulchiinsaa fi dhabamsiisa balfa gogaa ammayyaa hojiirra ni’oolchiti
Aug 28, 2025 42
Hagayya 22/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sirna bulchiinsaa fi dhabamsiisa balfa gogaa seerota idil addunyaa waliin walsimuu fi ammayyaa hojiirra akka oolchitu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Itiyoophiyaa Injiinar Lalisee Namee ibsan. Injiinar Laliseen akka ibsanitti, labsiin oomishoota pilaastikaa altokko qofa fayyadan dhorku baatii jaha booda hojiirra ni’oola. Lakkoofsi labsii bulchiinsaa fi dhabamsiisa balfa gogaa 1383/2017 mana maree bakka bu’oota ummataan mirkanaa’uunsaa niyaadatama. Daarektarri olaanaa haala llabsiin kun hojiirra oolu irratti abbaan taayitichaa waltajjii leenjii qooda fudhattootaaf kennamaa jirurratti akka ibsanitti, dhimmoota gurguddoo labsichi qabate keessaa sirni bulchiinsaa fi dhabamsiisa balfa gogaa keessatti argama. Itiyoophiyaan labsii bulchiinsaa fi dhabamsiisuu balfa gogaa ammayyaa seerota idiil addunyaan walsimu qopheessuushee ibsaniiru. Akkaataa labsii kanaatiin pilaastikiiwwan al tookko qofa fayyadan biyya keessa galchuun, oomishuu fi gabaaf dhiheessuun akka hindanda’amne dubbataniiru. Kunis baatii jaha booda guutuu biyyaatti hojiirra akka oolu dubbataniiru. Oomishoota naannawarrattis ta’e namarratti miidhaa hingeessifne dhiheessuuf ministeera industirii fi damee oomishtootaa waliin hojjetamaa akka jiru himaiiru. Leenjiin har’aas labsichi sirnaan hojiirra akka oolu qooda fudhattoonni hubannoo akka argatan gochuuf kan akeekame ta’uu dubbataniiru. Itiyoophiyaa qulqulluu dhaloota dhufuuf dabarsuun ittigaafatama hundaa ta’uu beeksisaniiru.
Hidhii haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi gamtoominni, gootummaa fi miirri nidanda’ama jedhu kan itti mirkanaa’edha
Aug 26, 2025 162
Hagayya 20/2017(TOI)- Hidhii haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi gamtoominni, kutannoon, gootummaa fi miirri nidanda’ama jedhu kan itti mirkanaa’e ta’uu waajjirri qindeessaa pirojektii hidha haaromsaa beeksise. Waajjirichi Yuunivarsiitii Salaalee waliim qindaa’uun mata duree “misooma sululaa Abbaayyiif karoora tokko gabaasa tokko” jedhuun bakka hooggantoonni dhaabbilee barnootaa laanoo fi qooda fudhattoonni argamanitti waltajjii maree gaggeessaa jira. Hojii raawwachiisaa olaanaan waajjirichaa Dr. Aragaawii Barhee wayita kana, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi dandeettii keenyaan galmoota biyyaalessaa milkeessuu akka dandeenyu addunyaaf kan agarsiifnedha jedhaniiru. Hidhi haaromsaa gufuu hedduu keessa darbee tumsa Itiyoophiyaanotaan eebbaaf qophaa’uusaa eeraniiru. Akkuma hidha haaromsaa waliin ijaarre dalaliin akka hinguutamne hojiin misooma sululaa waloomaa fi eegumsa naannoo irratti hojjetamaa jiru cimee ittifufuu akka qabu kaasanii, dhaabbileen barnootaa olaanoos qorannoo fi qu’annoon deeggaruu qabu jedhaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Salaalee Dr. Fayyeeraa Dhinsaa gamasaaniin, Hidhi haaromsaa imala Itiyoophiyaan walabummaa dinagdee mirkaneessuuf jalqabde kan milkeessu bu’ura misoomaa guddaa ta’uu eeraniiru. Yuunivarsiitichi hidha haaromsaa dalaliirraa eeguuf hojjechaa jiraachuu ibsanii, biqiltuuwwan mandhalee leemmana gammoojjii fi kanneen biroo bakkeewwan sululichaatti hawaasa waliin ta’uun dhaabaa akka jiru dubbataniiru. Hojiilee Jijjiirama haala qilleensaa damdamachuufhojiin hojjetamu cimee akka ittifufu ibsaniiru.
Godina Gujiitti Saxilamummaa hongee Ashaaraa Magariisaan dandamachuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan argameera
Aug 22, 2025 324
Hagayya16/2017(TOI)-Godina Gujiitti Saaxilamummaa Hongee Ashaaraa Magariisaan dandamachuuf hojii hojjetameen haalli Abdachiisaan mul’achuusaa Waajjirri Qonna Godinichaa ibse. Waajjirichatti hojii gaggeessan Qabeenya Uumamaa Obbo Wandoo Sharbootee, Godinichatti hongee fi hanqina roobaa mudatu Ashaaraa Magariisaan dandamachuuf itti fufinsaan hojjetamaa tureera jedhaniiru. Kanaanis Godinichatti waggoottan darban namoonni Kuma 187 Ol misooma Ashaaraa Magariisaa, eegumsaa fi kunuunsa irratti hirmaachaa turuusaanii ibsaniiru. Hojii hojjetameenis burqaa gabbataniiru, bineensonni bosonaa baqatanii fi bakkeewwan qullaa ta’an deebi’uurra jiraachuu fi biqiltuuwwan muduraa omisha kennuu eegaluusaanii ibsaniiru. Qonnaan Bultoonnii fi Horsiisee Bultonni Godinichaa bakkeewwan Ashaaraa Magariisaan Misoomanitti kaannisa horsiisuu eegaluu fi nyaata horii argachaa jiraachuu eeraniiru. Walumaa Galatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan darbanitti hojjetamaa turaniin wabii nyaataa mirkaneessuu dabalatee gargaaraa jiraachuu hubachiisaniiru. Godinichatti biqiltuuwwan dhaabbataniif eegumsii fi kunuunsi taassifameefii bu’aaf gahaa jiraachu eeruun, biqiltuuwwan mandhaalee qabatan keessaa Gaattiraa, Birbirsa , waddeessa, muka koosoo, nyaata horii fi mukeen gaaaddisaa isaan gurguddoodha jedhaniiru. Biqiltuuwwan wabii nyaataa Mirkaneessuuf gargaaru jedhamanii dhaabbatan keessaa Avokaadoo, Maangoo, Giishxaa, Muuzii fi Paappayyaa kanneen kana fakkaatan akka argaman hubachiisaniiru. Godinichatti Ganna qabamettis lafa hektaara kuma 19 fi 195 irratti biqiltuuwwan dhaabamaa turuu dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 13016
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015