Itiyoo-Teelekoom bara kana namoota miiliyoona 22 ol fayyadamtoota tajaajila Teelee Birrii taasisuuf karoorfatee hojjechaa akka jiru beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo-Teelekoom bara kana namoota miiliyoona 22 ol fayyadamtoota tajaajila Teelee Birrii taasisuuf karoorfatee hojjechaa akka jiru beeksise.

Finfinnee,Caamsaa 20/2013(TOI) - Itiyoo-Teelekoom bara kana namoota miiliyoona 22 ol fayyadamtoota tajaajila Teelee Birrii taasisuuf karoorfatee hojjechaa akka jiru beeksise. Dhaabbatichi hojimata faayinaansii bakka hundaa qaqqabsiisuufis kutannoon hojjechaa akka jiru hime.
Hoji Raawwachiiftuun Olaantuun Itiyoo-Teelekoom aadde Firihoota Taammiruu Damee Bahaa magaalota Harar, Awwadaayiifi Haramayyaatti sagantaa tajaajila 4G hojii eegalchiisuu irratti argamuun haasaasa taasisaniin, hojiin babal’isu bilbila sochootuu irratti hojjetamaa jiru kun tajaajilaa Teelee Birrii tibbana jalqabneef bu’a qabeessaafi waliin gahiinsa akka qabu taasisuu keessatti gahe guddaa qaba jedhan.
Tajaajillii Teelee Birrii maallaqa erguufi fudhachuu irra darbe tajaajila faayinaansii idilee bakka hinqaqqabne keessatti hawaasaaf faayidaa guddaa qaba jedhan.Akkasumas kanfaltii tajaajila bittaafi gurgurtaa ni si’eessas jedhan.
Dabalataanis fageenya irra taa’uun hojjettootaaf mindaa kanfaluun yeroofi maallaqa qusachuu keessatti gahe guddaa qaba jedhaniiru. Tajaajilichis baankilee waliin qindaa’uun akka kennamus himan.
Guyyoota 11 darbanittis mammiltoonni miiliyoona 2fi kuma 400 faayadamoo ta’uuf galmaa’us himaniiru. Akkasumas tajaajilichi Afaanota 5nin hojiirra kan oolu ta’uu himan.
Tajaajila Faayinaansii biyyattiis harka 35 guddisuuf kan gargaarus jedhaniiru.Dhaabbatichi karoora waggaa 5n qabateen karaa tajaajila Teelee Birriitin qabeenya diinagdeen biyyatti Birrii Tiiriliyoona 3.5 sochoosuuf karoorfatee hojjetaa jiras jedhaniiru.
Kun immoo hojii mootummaan baasii mootummaan eegumsa maallaqaa taasisuuf baasu kan hambisu ta’uus aadde Firihoota himaniiru.