Dhaabbilee murtii shaqaxoota bu’uuraa taaxsii fi qaraxarraa akka bilisa ta’an murtaa’e darban irratti tarkaanfiin ni fudhatama

Finfinnee, Qaammee 4/2013(TOI) - Dhaabbilee murtii mootummaan gabaa tasgabbeessuuf shaqaxoota bu’uuraa taaxsii fi qaraxarraa bilisa akka ta’aniif murteesse darban seeraan ala hojjetaan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu Abbaan Taayitaa dorgommii daldalaa fi eegumsa bittootaa ibse.

Abbaan taayitichaa ibsa TOI'f ergeen mootummaan gabaa tasgabbeessuuf shaqaxoonni bu’uuraa taaxsii fi qaraxarraa bilisa akka ta’an murteessuun isaa ni yaadatama.

Haaluma Kanaan murtii darbeen Hagayya 28/2013 eegalee shaqaxoota bu’uuraa yeroo alaa galus ta’e biyya keessatti bittaa fi gurgurtaan raawwatamu taaxsii fi qaraxa kamirraayyuu bilisa ta’uu qaba.

Ta’us dhaabbileen tokko tokko murtii mootummaan gabaa tasgabbeessuuf dabarse kana kan hin kabajne jiraachuu abbaan taayitichaa hubateera.

Shaqaxoonni bu’uuraa kun kanneen akka Qamadii,Zayitii nyaataa, Shukkaara,Ruuzii,Paastaa fi Mokoroonii akkasumas Buuphaa fi kanneen biroo ta’uun eerameera.

Haaluma Kanaan Shaqaxoota eeraman dhaabbileen daldalaa fi shuppermaarkeetoonni qaraxaa fi taaksii kaffalchiisan irratti tarkaanfii barbaachisaan akka fudhatamu ibsameera.

Hawaasni shaqaxoota eeraman kanarratti qaraxaa fi taaksii kaffaluu akka hin qabne mirga qabaachuu hubatee mirga isaa akka kabachiifatu abbaan taayitichaa gaafateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015