Godina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedootti Rasaasni Kilaashii Seeraan alaa 3,853 to’atame.

Onkoolessa 05/2014(TOI)- Godina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaa bulchiinsa magaala Geedootti rasaasni Kilaashii seeraan ala 3,853 eeruu ummataafi qaamolee nageenyaatiin to'atamuu ajajaan Qajeelcha Pooliisii aanichaa koomaandar Geetaachoo Dagguu himan.

Koomaandar Geetachoon akka jedhanitti, konkoolaata doolfinii lakkoofsi gabaate 59736 A.A ta'e Onkololeessa 03 bara 2014 Godina Walloo magaala Shawaa Roobii ganda 01 keessaa rasaasicha fe'anii dhufan jedhan.

Konkoolaachisaan maqaansaa Kifilee Bagaashawuufi abbaan qabeenya Maammoo Buzunee jedhaman rasaasa kilaashii seeraan alaa baayi'inni isaa 3,853 ta'e, Onkoololessa 4, bara 2014 tilmaaman sa'aatii 10:00 tti Aanaa Calliyaa magaala Geedootti eeruu ummatafi qamoolee nageenyaarraa argameen sakkata'insa taasifameen kan to’atame ta’uus himan.

Qaamni rasaasa kana fudhachuu dhufes guyyaa kaleessaa halkan keessaa sa’aa 6tti to’annoo seera jala kan oole ta’uu Koomaandar Geetaachoon himaniiru.

Qaamolee hawaasaa gara garaa tumsa taasisaniif galateeffachuun nageenya naannoo keenyaas cimsinee eeggachuu qabna jechuu isaanii kan gabaase Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015