Manni Maree Naannoo saboota, sablamootafi uummatoota Kibbaa bajata dabalataa qarshii miliyoona 697 ol mirkaneesse

Bitootessa 10/2014(TOI) - Manni Maree Naannoo Saboota, Sablammootaafi Uummatoota Kibbaa gaaffii bajata dabalataa 2014 dhihaateef birrii miiliyoona 697 fi kuma 87 fi 375 ol mirkaneesse.

Bajanni dabalataa kunis yeroo itti aanuutti hojii misoomaa adda adaafi bulchiinsa gaariif kan oolu ta'uu hogganaan biiroo maallaqaa naannichaa obbo Tafarii Abaataa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015