Gorsitoonni olaanoo Imaammataa Mootummaa Naajeeriyaa aanaa Lumeetti ooyiruu qonnaa Avookaadoo Sheraa daawwatan. - ENA Afaan Oromoo
Gorsitoonni olaanoo Imaammataa Mootummaa Naajeeriyaa aanaa Lumeetti ooyiruu qonnaa Avookaadoo Sheraa daawwatan.

Hagayya 2/2014(TOI) - Gorsitoonni olaanoo Imaammataa Mootummaa Naajeeriyaa Naannoo Oromiyaa Godina shawaa bahaa aanaa Lumeetti ooyiruu qonnaa Avookaadoo Sheraa daawwatan.
Kaayyoon daawwannaa kanaas hojii oomishaa Avookaadoofi misooomaa qonnaa Itoophiyaatti hojjetamaa jiruu daawwachuun muuxannoo qooddachuuf jedhameera.
Naannoo Oromiyaatti waggoota sadan darbaan Avookaadoo gabaa alaatti egamu lafa heektaara 6 irratti oomishamuufi qonnaan bultoonnis irraa fayyadamaa ta'aa jiraachuun himameera.