Sirni geggeessaa reeffa dooktor Nagaasoo Gidaadaa galma barkumeetti taasifamee jira - ENA Afaan Oromoo
Sirni geggeessaa reeffa dooktor Nagaasoo Gidaadaa galma barkumeetti taasifamee jira

Eebla 27/2011 Reeffi pirezidaantii duraanii Dooktor Nagaasoo Gidaadaa galmaa barkumeetti sirni geggeessaa taasifamefii jira.
Reeffi dooktor Nagaasoo kabajaan gara galma barkumeetti kan geggeeffame yoo ta’u firoonni ,hiriyoonni fi geggeessitootni mootummaa gadda isaanii ibsatanii jiru.
Sirna kana irratti pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee, ittii aanaa muummee ministiraa obboo Dammaqaa Mokonnonii fi mootummoonni ol ‘aanoon federaalaa fi naannoo, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi firoottan isaanii fi hiriyoonni isaanii argamanii gadda isaanii ibsatanii jiru.
Sirni awwaala isaanis har'a sa’aatii 9:00 irratti ni geggeeffama.