Dooktor Nagaasoon biyya isaanii haqa, qulqullummaa fi amantummaan tajaajilanii darban - Pireezidaanti Saahilawarq Zawudee - ENA Afaan Oromoo
Dooktor Nagaasoon biyya isaanii haqa, qulqullummaa fi amantummaan tajaajilanii darban - Pireezidaanti Saahilawarq Zawudee

Eebla 27/2011 Preezdaantiin duraanii Dooktor Nagaasoo Gidaadaa biyya isaanii haqa, qulqullummaa fi amanamtummaan tajaajilan jedhan preezdaantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawdee.
Du'a isaanitiin gaddi isaanitti dhaga'ame cimaa ta’uu kan himan pireezidaanti Saahilawarq maatii, fira, jaalattoota isaanii fi Ityoophiyaanota hundaaf jajjabina hawwaniiru.
Dooktor Nagaasoon hayyuu naamusa gaarii qaban ta'uu isaanii akkuma namoota kaanii dhugaa nan bahas jedhaniiru.
Dooktar Nagaasoon waggaa 28 dura gara Daakaar Seenegaal jila Ityoophiyaa duursanii yoo imalanii kaasee akka isaan beekanis kan himan pirezidaanti Saahilawarq,yeroo sanaa kaasee biyya tajajailuun maal akka ta'e jireenya isaanitirraa hubadheeras jedhan.
Nama dhaggeeffatanii hin quufne, qabeenya isaanif nama xiyyeeffannoo hin kennine, gaarii hojjechuun nama boqonnaa kennuuf turanis jechuun ibsan.
Dooktar Nagaason Umrii isaanii guutuu jiruu ofiitif osoo hin dhiphatin uummata tajaajilanii nama addunyaa kanarraa boqotanis jehaniiru.