Ayyaanni Id-Al-Faxrii kabajamaa jira

Finfinnee caamsaa 16/2012( TOI) Ayyaanni Id-Al-Faxrii  Hordoftoota Amantaa Islaamaa Biratti Kabajamaa jira.

Ayaanichi akka duraanii hordoftoonni amantichaa iddoo tokkotti wal gahuun sirna solaataan akka hin kabajamne qajeelfamni darbuu  Pirezedaantiin Mana Mare Dhimmoota Islaamummaa Dursaa Mufti Haaji Umar Idiriis dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Kanuma bu’uura godhachuun Masjiida Anuwaaritti eebba Dursaa Mufti Haaji Umar Idiriin kan egalame sirni salaataa geggeffamee jira.

Imaamni Maskiida Guddaa Anuwar She Xaahaa Mahamad uummanni Musliimaa ayyanicha wayta dabarsu akkuma durii warra hiyyeyyii gargaaruun ta’uu qaba jedhan.

Uummanni Musliimaa karonaa ittisuuf jedha iddoo tokkotti akka hin sasabamne qajeelfama bahe akka kabajan ergaa dabarsaa turree jirras jedhan.

Gammachuun ayyaanaa hundaaf akka ta’u olla gaafachuuf gargaaruu duudhaan amantichaa akka ajejeu eeruun warra beela’eef rakkate yaadachuun waaqa biratti fudhatama qabaa jedhan.

Deegarsa taasisaa jiraniif Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiif Kantiibaa Itti Aanaa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa galateffatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015