Ergama biyyaa boonsaa raawwataniif miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaaf galatatu mala jedhame

Finfinnee Adoolessa 16/2012(TOI)- Raayyaan ittisa biyyaa guyyaa dhagaan bu’uuraa ijaarsa hidha haaromsaa eegaluu jalqabee hanga yoonaa ergama boonsaa raawwataniif Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa galateeffatan.

Ministeerichi guutamuu bishaan hidha haaromsaa marsaa duraan gammachuu itti dhagahame ibsee jira.


darektoreetiin darektara Indoktirineeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Mejar Jeneraal Mahammad  Tasammaa ibsa TOIf erganiin hidhichi lammiiee galii xinnaa hanga guddaa,daa’immanii hanga jaarsoliin kan ijaaramaa jiru jedhan.

Hirmaannaa hoo’aa lammiilee Itoophiyaa hundaan kan ijaaramu abdii biyyattiitis jedhan.

Erga hidhni kun eegalee waggoota saglan darban haalli qillensaa achi jiru otoo isaan hin jilbiffachiisiin waardiyyaa hidhichaaf dhaabbataa kan turaniif raayyaa ittisa biyyaa galatatu malaafii jedhan.

Kanaan cinaatti miseensonni raayyaa ittisa biyyaa galii xinnoo qaban irraa boondii bituun birrii biliyoonaan shallagamu gumaachuun seenaa qabatamaas hojjetanii jiru jedhan.

Hidhni haaromsaa jireenya lammiilee itoophiyaati jechuun dafqa isaanii hanga lubbuu kafaluun nageenya hidhichaa eegaa turan kan jedhe ibsichi, bishaan marsaa duraa waan guutameef baga gammaddan jedhee jira.

Ittifufiinsaan raayyaan itisa biyyaa nagaa waaraa buusuun  kabaja biyyaa egsisuun seenaa boonsaa hojjechuu akka itti ufu waamicha dhiheessan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015