Barnoota Naannoo Oromiyaa Sadakaa guddati ceesisuuf hojjetamaa jira- Biiroo Barnoota Oromiyaa

Finfinnee Hagayya 18/2012(TOI)- Barnoota Naannoo Oromiyaa sadrkaa guddatti ceesisuuf hojiileen gurguddoo sadi hojjetamaa jiru jedhan hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo.

Doktar Tolaan gaf-deebii TOI waliin taasisaniin mootummaan naannoo Oromiyaa Barnoota naanichaa cimsuuf tarkaanfii gurguddaa fudhachaa jira jedhan.

Tarkaanfilee fudhata jiru keessaa tokko manneen barnootaa Modeela hundeessuudha.

Manni barnoota Moodelaa muuxannoo mana barnoota bultii addaa Waldaa Misooma Oromyaa irraa fudhatame babal’isuun akka oromiyaatti manneen barnoota Moodeela 40 hundeessuuf karorfame.

Mana barnootaa kana keessatti barattoonni dandeettii ciccimaa qaban dorgommiin filatamanii kan galan yoo ta’u mana isaanitii  deddebi’aa  bartu.

Barsiftonni sadarkaa barnoota Mastarsii ol qaban kanneen amala gaariiqaban dorgomiin fooohamuun mana  barnoota moodeela kana akka barsisan ta’as jedhan Doktar Tolaan.

Akka naanoo Oromiyatti manneen barnootaa Moodeela 40 hundeesuuf hojjetamaa akka jiru kan ibsan Doktar Tolaan,  manneen barnootaa 14 yunivarsiitiwwan naanoo Oromiyaa keessa jiraniin akka gargaaraman murtaahee jira.

Yunivarsiitiin Metropolitaanii Kotobee fi Yunivarsitiin Saayinsiif Teknoolojii Finfinnees mana barnoota Moodeelaa  godina addaa naannawa Finfinnee  keessati hunda’u deeggaru jedhame.

Manneen barnootaa 16 immoo godinootaan deeggaramus jedhan.

Haaluma kaaan manneen barnoota moodeelaa godina Arsii Lixaa Keessatti bara 2011 hundaa’an  keessaa Manni  Barnoota Abdii Boruu Dodolaa isa tokko yoo ta’u, bu’aa guddaa galmessisuun barattooni kalaqa gara garaa argachuun beekkamtiin kennameefi jira.

Tarkaanfiin inni biro qulqullina barnooota naanichaa egsisuuf fudhatamu manneen barnootaa bultii addaa Waldaa Misooma Oromiyaatiin eegalaman cimsuu yoo ta’u bara 2013 Manneen Barnoota Bultii Addaa 7 ijaaruun bara 2014 hojii akka eegalan karorfames jedhan Doktar Tolaan.

Tarkaanfiin sadaffaa qulqullina barnoota naannoo Oromiyaa egsisuuf fudhatamu manneen kitaabaa irra debiin gurmeessuu ta’uu TOIf kan himan hogganaan Biirichaa Doktar Tolaan, manneen barnootaa hunda keessatti mana kitaa fi paarkiii dubbisaa irra deebiin gurmeessuun hojii milkiitu hojjetamaa jira jedhan.

Magaalotaaf aanaalee hundatti manneen dubbisa uummataa 600 ijaaruun aadaan dubbisaa laafaa dhufe akka cimuufis tajajila lammummaa bara kaan hojiin gaarii hojjetamaa jiraachuu himan.

Manneen kitaabaa kanneenif kitaabota gumachuuf sagantaa gumaacha kitaabaa labsameen kitaabota miliyoona 1 walitti qabuuf karorfamee kitaabbileen kuma hedduun lakkahamu sassabbamaa jira.

Namoonni fi dhaabbileen gumaacha gochuu barbaadan waajjiraalee barnootaa magalotaa,aanaalee fi godina,magaalaa finfinneetti immoo giddugala aadaa oromo yo ta’u warri biyya alaa jiraatan karaa imbaasota itoophiyaa biyya gara garaa jiraniin akka gumachan waamicha godhanii jiru Dr.Tolaan.

Tarkaanfiwwan kunneen qulqulina barnoota naanoo oromiyaa sadkaa guddaa irraan gahas jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015