Finfinneetti pirojeektiin guyyaatti bishaan meetirik kuubii kuma 75 oomishuu danda'u gara hojiitti galchuun hojjetamaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Finfinneetti pirojeektiin guyyaatti bishaan meetirik kuubii kuma 75 oomishuu danda'u gara hojiitti galchuun hojjetamaa jira.

Guraandhala 17/2015(TOI) - Finfinneetti pirojeektiin guyyaatti bishaan meetirik kuubii kuma 75 oomishuu danda'u gara hojiitti galchuun hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa bishaaniifi Dhangala'oo beeksise.
Abbaan Taayitichaatti daarekatarri qunnamtii Uummataa Sarkaaeem Getaachoo TOItti akka himanitti, fedhii dhisee bishaanii magaalichaa guutuuf hojjetamaa jira.
Kanaafis bishaan lafa jalaafi lafa irraa qulqulleesuun oomishuun uummataan gahaa jiraachuu himanii, bishaan lafarraa argamuu laga Daadhii, Gafarsaafi Hidha Dirree irraa ta'uu himaniiru.
Bishaan lafa jalaa immoo boollaa bishaanii 220 qotamerraa oomishamaa jiraachuu himaniiru.
Yeroo ammaa kana fedhiin dhiheessii bishaanii magaalichaa metiriki kuubii miliyoonaa 1.2 yoo ta'u jiddugaleessaan ammaa jiraatoota magaalichaaf metirik kuubii kuma 725tu dhihaachaa jira jedhaniiru.
Magaalichatti dhaabbileen akka mana barnootaa, Hootelootafi warshaalee adda addaa babala'achuun fedhiin bishaanii jiruufi dhiheesiin jiru akka wal hin madaallee taasiseera jedhaniiru.
Kanaaf bakkeewan kuma 1 fi 50 ta'anitti faraqaan kan hojjetan ta'uu himanii fedhii dhiheessii bishaanii jiru kan guutuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Akka fakkeenyaattis bara bajataa kana pirojeektii guyyaatti bishaan metirik kuubii kuma 75 oomishuun danda'uu hojjetamee xumuraamee akka tajaajilaaf gahuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hojiiwwaan misooma bishaanii biroonis haaluma kanaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Fedhiifi dhiheesii bishaanii jiru wal madaalchisuuf dhaabbilee oomisha bishaanii olaanaa fayyadaman ofii isaaniifi boolla qotatanii akka fayyadaman taasifamaa jiraachuus himaniiru.