Dr. Abiy Ahimad pirojeektoota misoomaa hojjetamaa jiran gamaggamuuf Jimma galan.

Fulbaana 18 /2016 (TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad pirojeektoota misoomaa hojjetamaa jiran gamaggamuuf Jimma dhaqan.

Ministira Muummee FDRI dokta Abiy Ahimad waliin giifti duree Zinnaash Taayyachoo, hoggantoota mootummaa Federaalaafi naannoo biroon Jimma galuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015