Riqichi haroo Wanciirratti ijaarame bu’aa ba’ii nurra gahaa ture nurraa hir’ideera*jiraattota

Amajjii 03/2016 (TOI)- Riqichi haroo Wancii qaama pirojektii ikoo tuurizimii haroo Dandiio ijaarame bu’aa ba’ii hawaasarra  gahaa ture guddaa hir’isuusaa jiraattonni ibsaniiru.

Finfinnee miidhagsuuf jalqabamee bu’a qabeessummaansaa kan mirkanaa’e  Maaddiin Shaggar” milkaa’ina argamsiise gara “maaddii Biyyaatti” guddatee kutaalee biyyattii addaddaatti bakkeewwan tuurizimii addaddaatti misoomaa jiru.

Qaama pirojektii maaddii biyyaa kan ta’e ijaarsi pirojektiin iikoo tuurizimii Wancii dandii biyyaafis ta’e hawaasa naannawaaf wantoota hedduu fidee dhufeera.

Magaalaan Wancii irra caalaa haala qilleensaa Gammoojjii kan qabdu yoo ta’u haroowwan Voolkaanoon uumaman keessaa haroo Wancii ofkeessatti qabatteetti.

Haroon Wancii heektaara 560 yemmuu ta’u gadifageenya meetira 9 amma 58tti niqabaata. Haroon kun olka’iinsa meetira kuma 3 irratti argama.

Riqichi qaama pirojektii kanaa ta’e bu’aa bahii hawaasa naannawichaa baay’ee kan hir’ise ta’uu jiraattonni gammachuun ibsu.

Jiraataan naannawichaa Biraanuu Nagaraa jedhaman imalli Kanaan dura tabba qaxxaamuruun deeman riqichi hojjetamuusaatiin salphaatti xumuruu akka danda’an dubbataniiru.

Jiraattonni naannawichaa Daraartuu Rafeeraa fi Abbabaa Bariisoo yaada kennaniin riqichi hojjetamuusaatiin bu’aa bayii jiraattotaa hir’isuun alatti tuuristoota hawachuun hawaasa naannawaaf bu’aa dabalataa fidee dhufuusaa eeraniiru.

Ijaarsa riqichaarratti kan hirmaate hirmaate dargaggoo Jifaar Balaachoo gamasaatiin ijaarsi kun dhamaatii fi aarsaa hedduun kan dhugoome ta’uu dubbateera.

Naannoon kun tabba ta’uurraa kan ka’e meeshaalee ijaarsaa salphaatti achiin gahuun imala daqiiqaa 45 fudhatu taasisuun ijarsicha dhugoomsuu danda’uun qaama hojichaa ta’uutti gammaduusaa dabalee ibseera.

Riqichi harkaan tabba soquun hojjetamuusaa yaadachuun turtiisaatti muuxannoo guddaa argachuusaa dubbateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015