Jaarsoo Dhugoo abbaa Gadaa Gujii 75ffaa ta’an

Guraandhala 13/2016 (TOI)- Walharkaa fuudhiinsi aangoo Abbaan Gadaa Oromoo Gujii  75ffaan adeemsifameera.

Akkaataa sirna Gadaa Gujii osoo addaan hincitiin waggoota 593 darbaniif tureetiin Baalliin Gadaa Gujii 75ffaan Harmuufarraa Roobaleetti ceheera.

Sagantaaleen sirna qajeelchuu Guraandhala 6 bara 2016 irraa kaasee adeemsifamaa turan erga raawwatamanii booda guyyaa har’aa abbaan Gadaa gujii 75ffaa ta’uunsaanii beekameera.

Gama biraatiin cehumsa aangoo Gadaa Oromoo Gujiitiin umuriinsaa waggaa 18 kan ta’e Jaarsoo Aagaa umuriidhaan xiqqaa kan ta’an keessasa tokko ta’aniiru.

Cehumsa aangoo Kanaan Roobleen Harmufa harkaa wayita fudhatu abbootii Gadaa gosa Oromoo Gujii sadan keessaa (Uraagaa, Hokkuu fi maatii ) dargaggoo Jaarsoo Aagaa gosa maatii bakka bu’uun aangoo fudhataniiru.

Abbaansaa abbaas Gadaa ta’uun waan tajaajilaniifn, sirnichi waan eeyyamuuf filatamuusaanii ‘EBC’n gabaaseera.

Abbaan Gadaa 75ffaa Jaarsoo Dhugoo waggootas saddet dhufaniif aangoorra kan turan yoo ta’u, wayita isaan tajaajilasaanii xumuran abbaa gadaa 76ffaa qophaa’uuf dabarsu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015