Deeggarsi namoomaa fi hojiin lubbuu baraarsuu Gazzee Goofaatti cimee ittifufeera

Adoolessa 17 /2016 (TOI)- Godina Goofaatti deeggarsi lammiilee lafti sigigaatee balaa mudateen miidhaman deeggarsa namoomaa fi hojiin lubbuu baraarsuu cimee ittifufeera.

Naannoo Kibba Itiyoophiyaa godina Goofaa aanaa Gazzee Goofaa ganda Keenchootti dheengadda lafti sigigaatee lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa guddaa geessisuunsaa nibeekama.

Qaamoleen addaddaa lammiilee sababa balaa kanaan miidhamaniif deeggarsa namoomaa taasisaa akkasumas lubbuu baraarsuuf tumsaa jiru.

Humnoonni nageenyaa fi kutaaleen hawaasaa qindoominaan raawwachaa akka jiran agabaasaan TOI bakkatti argamuun mirkaneesseera.

Haala wal fakkaatuun lammiilee naannawoota yaaddoo qabanitti argaman bakka biraatti qubsiisuun akkasumas deeggarsa namoomaa taasisuun qindoominaan hojjetamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015