Naannoo Amaraatti qonna gannaa baranaatiin lafti heektaara kuma 806 fi 476 Qamadii facaafameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Amaraatti qonna gannaa baranaatiin lafti heektaara kuma 806 fi 476 Qamadii facaafameera

Hagayya 21/2016(TOI)- Naannoo Amaraatti qonna gannaa bara 2024/25 lafti heektaara kuma 806 fi 476 Qamadii facaafamuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise.
Xiyyeeffannoo Addaa Qamaiif kennameen waggaa waggaatti jijjiiramni jijjiiramoonni dhufaa akka jiran biirichi ibseera.
Haala Kanaan bara oomishaa 2024/25 lafti heektaara kuma 806 fi 476 Qamadii facaafamuusaa himaniiru.
Bara oomishaa kana oomishtummaa Qamadii heektaaraan gara kuntaala 41 tuqaa 2tti guddiduuf hojjetamaa akka jiru beekameera.
Oomisha karoorfame milkeessuuf tumsi taasifamaa akka jiru eeruun, oomishtummaa kana guddisuuf xaa’oo fi sanyiin filatamaa yeroon qonnan bulaaf raabsamuusaa biirichi ibseera.
Qonnaan bulaan gorsa ogeeyyotaa fudhachuun hojiirra oolachaa akka jiruu himeera.
Robni gaariin waan jiruuf oomisha argachuuf karoorfame kuntaala miiliyoona 43 milkeessuun nidanda’ama jedhamee akka egamu odeeffannoon biiroo qonnaa nannicha nimul’isa.