Tamsaasa Kallatti:

Itiyo -telekoom deeggarsa waantota fayidaa hawaasummaaf oolan irratti taasisu cimsee itti fufa

Hagayya 30/2016 (TOI) - Itiyo -telekoom deeggarsa dhimmoota fayidaa hawaasummaaf gama maraan oolan irratti taasisu cimsee kan itti fufu ta'uu Hoji Geggeessituun Olaantuu Itiyo-Telekoom Firehiwoot Taammiruu beeksisan.

Itiyo- Telekoom bara 2017 mata duree ''jalqabii haaraa bara haaraatti'' jedhuun dirqama hawaasuma adda addaa bahachuuf hojjecha jirachuu beeksiseera.

Sadarkaa biyyaatti manneen barnoota 930 barattoota harka qalleeyyi kuma 75'f deeggarsa barrullee taasisuuf akka jiru beeksiseera.

Haaluma kanaan guyya har'a magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti kan argamu mana barnootaa sadarkaa 1ffaa Lakkuu Kattaa barattootaf deeggarsa meeshaalee barnoota adda adda taasiseera.

Hoji geggeesituun olaantuu Itiyo -Telekoom Firehiwoot Taammiruu akka himanitti; Itiyo -telekoom Itoophiyaa dijitaalaa mirkaneesuuf hojii hojjechaa jiru cinaatti hawasaa deeggarurrattis hojjecha jira.

Dhaabbatichi hojii dirqama hawaasuma isaa bahachuuf hojjetu keessa tokko deeggarsa meshaalee barnootaa barattotaf taasisu ta'uu himaniiru.

Itiyo- telekom sadarkaa biyyatti manneen barnoota hundaatti mana kitaabaa dijtalaa qindeesuuf hojjecha jirachuu himaniiru.

Deeggarsa guyyaa har'a taasisneen dabalatatti bara bajata kana sadarkaa biyyaatti manneen barnootaa 930 ta'anitti barattoota harka qalleeyyi kuma 75 ta'aniif barrullee bajata birrii miliyoona 67 oliin bitame deeggarsa ni taasifna jedhaniiru.

Lammilee jiddugala tola ooltummaa keessa jiraniif birrii miliyoona 16'n maaddii kan qoodu ta'us himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015