"Ijoollummaa keessanittii haadha keessan tajaajila, yeroo guddatan immoo biyya keessaniif waardiyyaa ta'aa'' gorsa abbaa isaanii jedhu fudhachuun obbolaawwan sadan Itoophiyaaf waardiyyaa ta'uun dhaabbatan. - ENA Afaan Oromoo
"Ijoollummaa keessanittii haadha keessan tajaajila, yeroo guddatan immoo biyya keessaniif waardiyyaa ta'aa'' gorsa abbaa isaanii jedhu fudhachuun obbolaawwan sadan Itoophiyaaf waardiyyaa ta'uun dhaabbatan.
"Ijoollummaa keessanittii haadha keessan tajaajila, yeroo guddatan immoo biyya keessaniif waardiyyaa ta'aa'' gorsa abbaa isaanii jedhu fudhachuun obbolaawwan sadan Itoophiyaaf waardiyyaa ta'uun dhaabbatan.
Gaashawu Sisaay, Zamadkuun Sisaay fi Zalaaleem Sisaay jedhamu. Bakki itti dhalatanii fi guddattan Arsii Asallaattidha.
Obbolaan kun ijoollee loltootaa, daangaa Itoophiyaa eeguuf dhaabbatanidha.
Abbaan isaanii miseensa raayyaa duraanii ta'uun birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuurratti tajaajilaniiru.
Ijoolleen isaanii seenaa abbaa isaanii fi jaalala biyya isaanii dhaga'aa guddataan Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabalamuun Mana barnootaa leenjii waraanaa Birshaloqoodhaa eebbifamaniiru.
Abbaan isaanii ijoolluummaa isaaniirra eegaluun "Ijoollummaa keessanittii haadha keessan tajaajila, yeroo guddatan immoo biyya keessaniif waardiyyaa ta'aa'' jedhanii gorsaa turuu himaniiru.
Hangafa Zamadkuunii fi Zalaalam kan ta'e Gaashawu Sisaay biyyaaf waardiyyaa ta'uu abbaa koorraa baradhee loltuu ta'uu kootti baay'ee gammadeera jedheera.
Uffaakata kabajaa mallattoo biyyaa ta'e uffadhee Itoophiyaa eeguu caalaa kan nama boonsu akka hin jirrees himeera.
Zamadkuun Sisaayis seenaa abbaa isaa itti fufsiisuuf Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabalamuu isaatti gammachuu guddaa akka qabu himeera.
Zalaaleem Sisaay gama isaan kabaja biyyaaf dhaabachuun kan nama boonsu ta'uu eeree; Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ta'uun hawii isaa yeroo ijoollummaa akka ta'e himeera.
Obbolaan sadan kunneen jalaala biyyaa akka qabaatanii fi daangaa biyya isaanii akka kabachiisuuf dhaabbatan eebbisee kan isaan geggeesse abbaa isaaniif galata galchaniiru.
Leenjii isaanii gahumsaa fi naamusa ogummaa karaa eeggateen karaa sirrii xumuruu himanii; dirqama biyyaa isaanitti kennamu kamiyyuu gahumsaa fi ittigaafatamummaan bahachuuf qophii ta'uu eeraniiru.
Itoophiyaa kabajanii kabachiisuu caalaa gootummaan akka hin jirree himanii kanneen biroos akkuma isaanii Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabalamuun Itoollee Itoophiyaa kan gaafa xiiqqi ta'uu isaanii akka mirkaneessan waamicha taasisaniiru.