Paartiin Badhaadhinaa waggoota shanan darban gaaffilee bu’uuraa gama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan jiran deebisuuf hojiiwwan bal’aa hojjeteera

Sadaasa 16/2017 (TOI) - Paartiin Badhaadhinaa waggoota shanan darbanitti gaaffilee bu’uuraa gama diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan jiran deebisuuf hojiiwwan bal’aa raawwachuu Pirezidaantiin Naannoo Ummata Kibba Lixa Itoophiyaa doktar Injinar Nagaash Wagooshoo beeksisan.

Hundeeffamni Paartii Badhaadhina Waggaa 5ffaan naannoo Uummataoota Kibba Lixa Itoophiyaa magaalaa Boongaatti mata duree '' Olaantummaa yaadaa badhaadhian hundagaleessaf'' jedhuun kabajama jira.

Pirezidaantiin naannichaa fi miseensi koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa doktar Injinar Nagaash Wageeshoo sirna kabaja hundeeffama kanarratti argamuu; adeemsa jijjirama Itophiyaa eegalte keessatti Paartiin Badhaadhinaa gaaffilee bu’uuraa gama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan jiru deebisuuf hojiiwwan bal’aa hojjeteera jedhaniiru.

Sabdaneesummaa karaa sirriin keesumeesuun tokkummaa sabadaneesummaa cimsuun senessaa waloo biyyaalessa ta'e dhugoomsuudhaan hirmaannaa siyaasaa haqa qabeessaa fi hunda hammatee akkasuma faayidaa dinagdee dhugoomsuudhaan badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf tattaaffiin bal’aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waggoota shanan darban keessatti qormaanni keessoo fi alaa paarticha mudatus, hooggana, miseensotaa fi ummata sadarkaa sadarkaan jiru hirmaachisuun badhaadhinaaf bu’uura qabatamaa kaa’uun dhiibbaa jiru irra aanuun danda'amuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015