Daarektarri olaantuu Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa adde Salaamaawiit Daawit hoogganaa sagantaa to’annoo daangaa waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Daarektarri olaantuu Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa adde Salaamaawiit Daawit hoogganaa sagantaa to’annoo daangaa waliin mari’atan

Bitootessa 16/2017(TOI)- Daarektarri olaantuu Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa adde Salaamaawiit Daawit jila mana hojii dhimma alaa Ameerikaatti hoogganaa sagantaa sirna odeeffannoo to’annoo daangaa (PISCES) Naataalii Simpseniin durfamu waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru.
Mrichi Itiyoophiyaa fi Ameerikaan tumsa to’annoo daangaa qilleensarraa fi lafarraa
Qaban cimsuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Daarektarri olaantuu Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa adde Salaamaawiit Daawit deeggarsa to’annoo Daangaa qilleensarraa fi lafarraa Ameerikaan Itiyoophiyaaf taasifteef galateeffatanii, tumsi kun cimee akka itti fufu gafataniiru.
dhimma alaa Ameerikaatti hoogganaa sagantaa sirna odeeffannoo to’annoo daangaa (PISCES) Naataalii Simpsen hojiin to’annoo Itiyoophiyaan daangaarratti taasiftu jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Karaa sagantaa kanaa fuuldura Itiyoophiyaaf deeggarsa taasisuuf fedhiin akka jiru dubbachuusaanii odeeffannoon tajaajila Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa irraa argame nimul’isa.