Shakkamtoonni gocha seeraan alaa raawwataniiru jedhaman 65 qabaman - ENA Afaan Oromoo
Shakkamtoonni gocha seeraan alaa raawwataniiru jedhaman 65 qabaman

Bitootessa 17/2017(TOI)-Shakkamtoonni Naannawa Immigireeshinii fi tajaajila lammummaatti karaa seeraan alaa socho’aa turan jedhaman 65 to’annaa jala ooluunsaanii ibsame.
Shakkamtootaan alas manneen torba kan sochii daldala seeraan alaa hojjetu jedhaman saamsamamuusaanii odeeffannoon marsariitii Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa irraa argame nimul’isa.
Shakkamtoonni kunneen hojii faddaalaa addaddaa seeraan alaakan hojjetan, naannawa hojii jeequun kenniinsa tajaajilaarratti rakkoo uumaa kan jiran, waliin dhahuu fi gowwoomsaa kan jiraanii fi Paaspoortii ariifachiisaa onlaayinii karaa seeraan ala akan guutan ta’uun himameera.
Shakkamtoonni to’annaa jala kan oolan tajaajilli Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa, komishiniin poolisii federaalaa fi kutaan magaalaa Lidataa bulchiinsa aanaa 7 waliin oppireeshinii addaa taasisaniin ta’uun ibsameera.