Faasiil kanamaan Injifannoo galmeesise - ENA Afaan Oromoo
Faasiil kanamaan Injifannoo galmeesise

Bitootessa 25/2017(TOI)-Sagantaa Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 23ffaan Faasil Kanamaan Yunivarsiitii Walwaalloo Addigiraat 2 fi 1’n mo’ateera.
Tapha Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti taphatameen Geetaanee Kabbadaa fi Shamsaddiin Mahaammad galchii galmeessisaniiru.
Bulchaa Shuraa Yunivarsiitii Walwaalloo Addigiraatiif goolii tokko galcheera.
Akkaataa qabxii Kanaan Faasil Kanamaa qabxii 30’n sadarkaasaa 11ffaa irraa 7tti fooyyesseera. Dorgommii baranaatiin injifannoo 7ffaa milkeesseera.
Gama biroon liigichaan yeroo 14ffaaf kan mo’ame Yunivarsiitiin Walwaalloo Addigiraat qabxii 9’n sadarkaa xumuraa 18 irratti argama.