Shuwaal Iid ayyaana duudhaan waloomaa ittiin mul’atudha-obbo Geetuu Wayyeessaa

Bitootessa 26/2017(TOI)- Shuwaal Iid ayyaana duudhaan waloomaa ittiin mul’atu ta’uu naannoo Harariitti hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa obbo Geetuu Wayyeessaa ibsan.

Obbo Geetuu Wayyeessaa ayyaana Shuwaal Iid boru irraa eegalee kabajamu ilaalchisuun baga geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa dabarsaniin, hawattoonni uumamaa fi namtolcheen biyya keenyatti argaman caalaatti akka guddatanii fi imala badhaadhinaa biyya keenyaaf humna dabalataa uumuu akka danda’an paartichi xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechaa jira jedhaniiru.

Ayyaanni kabaja Shuwaal Iid hambaalee kiliyyaa biyyi keenya Yuuneeskootti galmeesifte keessaa tokko ta’uu eeraniiru.

Ayyaanichi sektarri turizimii biyyattii akka gabbatu gochuun faayidaa olaanaa akka qabu eeranii, duudhaan waloomaa Harar ittiin beekamtu kan itti mul’atuu fi sabaa fi sablammoonni magaalattiitti argaman waliin kan kabajan ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanichi nagaa, waloomaa fi tokkummaa sabdaneessummaa karaa gabbisuun kabajamuu akka itti fufu waamicha dhiheessuun hawwii gaarii baga ittii isin gahee dabarsuusaanii odeeffannoon komunikeeshinii naannichaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015