Eegumsa qabeenya uumamaa fi misooma sululaan fayyadamuu eegalleerra-qonnaan bultoota

Bitootessa 27/2017(TOI)- Eegumsi qabeenya uumamaa fi misoomni sululaan oomishtummaa guddisuun fayyadamaa isaan taasisaa akka jiru godina Harargee bahaatti qonnaan bultoonni aanaa Baddannoo dubbatan.

Misoomni muduraa, kanniisa horsiisuu fioomishni nyaata loonii guddachaa dhufuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan Ibsaa Abdallaa, naannawichi qaarri waan itti caaluuf biyyeen dhiqamee waggaa dheeraaf lafti qullaatti hafee tureera.

Sababa Kanaan jirattonni oomishuuf rakkachaa turaniiru.

Rakkoo kana furuuf waggaa muraasa dura eegumsa qabeenya uumamaa fi misoomaatti galuun dhiqamni biyyee hir’achaa dhufuu eeraniiru.

Qonnaan bulaan Asan Shariif gamasaniin bakkeen kun misoomuun maddi cimmisee bishaan akka argatan eeranii, nyaata loonii oomishuu akka isaan dandeessises dubbataniiru.

Bulchaan aanaa Baddannoo Ibraahim Yuuyyee waggoota muraasa darban gaarren qullaatti hafaniituran eegumsa qabeenya naannoo fi misooma sululaan bosonan guutamuu ibsan.

Jiraattonni naannawaa misooma sululaa irratti waldaan gurmaa’anii misooma muduraa fi kanniisa horsiisuun fayyadamaa ta’uu eeraniiru.

Bulchaan godina Harargee Bahaa Miskii Mahaammad gamasaaniin, eegumsa qabeenya uumamaa fi misooma sululaa ummanni hojjeteen dhiqamni biyyoo hir’atee lafti gammachaa dhufeera jedhan.

Maddeen bishaan lafarraa fi lafa jalaa gabbachaa akka jiruu fi hojiin eegumsa qabeenya uumamaa aadaa ta’aa dhufuusaa bulchaan kun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015