Agarsiisni imala Badhaadhinaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa guyyoota sadan darban agarsiifamaa ture maqaa gaarii naannicha sirriitti mul'iseera - ENA Afaan Oromoo
Agarsiisni imala Badhaadhinaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa guyyoota sadan darban agarsiifamaa ture maqaa gaarii naannicha sirriitti mul'iseera

Bitootessa 27/2017(TOI)-Agarsiisni imala Badhaadhinaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa guyyoota sadan darban agarsiifamaa ture maqaa gaarii naannicha sirriitti kan guddoomse, milkaa'inoota misoomaa naannichaa kan mul'isee fi poteenshaala naannichi hojii misoomaaf qabuu irratti hubannoo gaarii kan uume ta'uu Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa himan.
Agarsiisni imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota 7'n darbanii mul'isuu irratti xiyyaaffatee guyyoota sadan darban Finfinnee Galma Jiddugala Aadaa Oromootti geggeeffama ture har'a xumurameera.
Sirna xumura agarsiisaa kanarratti hoggantoonni sekteraalee hojii mootummaa naannichaa argamniiru.
Hoogganaan Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa sagantaa cuufiinsaa kanarratti haasaa taasisaniin Mootummaan Naannoo Oromiyaa cabiinsa gama hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdeetiin ture furuuf Imala Badhaadhinaa waggoota torban darbeetiin injifannoowwan gurguddoo egeree Oromiyaa bu’uura jabaa irratti ijaaruu danda’an galmeesseera jedhan.
Agarsiisa kana irratti Biiroolee naannichaa, dhaabbilee garaa garaa fi bulchiinsi magaalaa Shaggar hojiiwwan waggoota torban darban hojjeetan dhiheesuun maqaan gaarii naannoo Oromiyaa akka ol ka'uu, milkaa'inoota misoomaa naannichaa kan mul'isuu fi poteenshaala naannichi hojii misoomaaf qabuu irratti hubannoo gaarii kan uuman ta'uu ibsaniiru.
Agarsiifni kun Imalli badhaadhinaa eegalame ragaan deeggaramuun ijaarsa egereef bu’uura kaa’aa jiraachuu sagantaa itti agarsiifame ta'uus obbo Hayiluun eeraniiru.
Agarsiisichi Biirooleen hojmaata ragaa kuusuu, tursiisuu fi agarsiisuu akka shaakalan kan taasise ta'uus himaniiru.
Ragaawwan ammayyeessuu wajjin wal qabatees ijaarsa dijjitaal Oromiyaaf haala mijaataa uumuu ibsaiiru.
Kanneen agarsiisa kanarratti hirmaatanii fi milkaa'ina isaaf gumaachan galateeffataniiru.