Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi pirojektii mul’ata biyyoonni riijinichaa waliin guddachuu qaban milkeessudha-ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

Bitootessa 27/2017(TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi pirojektii mul’ata biyyoonni riijinichaa waliin guddachuu qaban milkeessu ta’uu dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsan.

Dubbi himaan kun TOItti akka himanitti, hidhi haaromsaa kan Itiyoophiyaanonni itti boonan, Afriikaanotaaf ammoo miira nidanda’ama jedhu kan uumedha.

Pirojektii deeggarsa Itiyoophiyaanota biyya keessaa fi biyyaa alaa jiraatanii, dhalattoota  Itiyoophiyaa fi michoota Itiyoophiyaan dhugoome ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi hidha kanaa qormaata hedduu darbee har’a gahuusa ibsanii, biyyoonni  sulula gadii dhiibbaa uumuuf dhimma hidha kanaa amma wltajjii addunyaatti akka geessan yaadachiisniiru.

Umannii fi mootummaa Itiyoophiyaa karaa dippilomaasiitiin dhiibbaa hedduu damdamachuun hidha kana boqonnaa xumuraa irraan gaheera jedhan.

Hidhi haaromsaa bu’aa gamtaa fi cimina Itiyoophiyaanotaa ta’uu dubbataniiru.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaanotarra darbee Afriikaanotaaf humna ofiin pirojektoota Afriikaa gurguddoo ijaaruun akka danda’amu kaka’umsa uumuusaa ibsaniira.

Itiyoophiyaan biyya sochii paan Afriikaatiin beekamtudha kan jedhan dubbi himaan kun, Hidhi haaromsaas qajeelfama paan Afriikaanizimiin ijaaramee kabaja biyyaalessaa ta’eera jedhan.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi riijinicha humna elektiriikiin walitti fiduun ajandaa 2063 milkeessuuf kan gargaaru ibsituu  fayyadama waloo ta’uu himaniiru.

Fakkeenyaaf Itiyoophiyaan Sudaan, Kibba Sudaan, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa waliin waliigaltee tumsa dhiheessii anniisaa akka qabdu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan ijaarsa bu’ura misoomaa, sektara daldalaa fi Invastimantiin milkaa’ina  ajandaa 2063 Afriikaaf gumaacha taasisuun carraaqqii olaanaarra akka jirtu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015