Bakkeewwan Turizimii iddoo hundatti argaman beeksisuuf hojjetamaa jira-Ministeera Turizimii

Bitootessa 27/2017 (TOI)- Bakkeewwan Turizimii iddoo hundatti argaman beeksisuuf hojjechaa akka jiru Ministeerri Turizimii beeksise.

Fiifichi guddichi Jimmaa 2017 Ministeerri tuurizimii fiigicha guddicha Itiyoophiyaa waliin ta’uun qopheesse boru Jimmatti taasifama.

Saganticha ilaalchisuun bakka bu’oonni ministeera Turizimii bulchiinsi godinaa fi magaalaa akkasumas qaamoleen dhimmi ilaalu bakka argamanitti ibsi kennameera.

Hojii raawwachiisaan olaanaa Biiroo konveenshinii Itiyoophiyaa ministeera Turizimii jala jiruu obbo Geetinnat Gizawu, Itiyoophiyaan hambaawwan uummamaa fi seena qabeessaa fi duudhaalee aadaan biyya badhaate ta’uu yaadachiisaniiru.

Bakkeewwan turizimii bakkeewwan hunda jiran beeksisuun faayidaa sektara kanarraa argamu guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Naannawi Jimmaa oomisha Bunaan kan beekamuu fi yeroo dhihoo asitti imaltoonni Buna jaalataniif bakka qaqqabamaa ta’aa dhufuu dubbataniiru.

Fiigichi guddichi Jimmaa 2017 kan boru adeemsifamu damee Turizimii Ispoortii waliin walitti hidhuun beeksisuuf kan akeekamedha.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar gamasaaniin, Jimmi magaalaa durii fi seena qabeettii ta’uu kaasanii, fiigichi boru taasifamu carraa gaarii ta’uu himaniiru.

SagantichiIspoortii fi Turizimii kan waliin make waan ta’eef fiigichi guddichi Jimmaa 2017 boru taasifamu magaalaa Jimmaaf carraalee hedduu fidee kan dhufedha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015