Atileet Dirribee Waltajjii dorgommii Tiraakii giraand Salaam yeroo jalqabaaf adeemsifame mo’atte

Bitootessa 28/2017 (TOI)- Atileet Dirribee Waltajjii dorgommii Tiraakii giraand Salaam meetira 1500 yeroo jalqabaaf adeemsifame mo’atteetti.

Dorgommiin Jamaayikaa Kingistanitti adeemsifamaa jiru halkan kan adeemsifame yoo ta’u atileet Dirribeen fageenya kana daqiiqaa 4 sakondii 04.51n xumuruun mo’atteetti.

Atileet Dirribee Waltajjii dorgommii meetira 800 tibbana dorgomameen lammaffaa bahuun  qabxii argatte dabalatee walumaa gala qabxii 20 galmeessifteetti.

Dorgommii tiraakii giraand Salaam Kingistan keessummeessite har’a wayita xumuramu dorgommii guyyaa xumuraatiin meetira kuma 5 dubartootaan atileet Ijjigaayyoo Taayyee fi Tsiggee Gabrasalaamaa qabxiisaanii fooyyessuuf nidorgomu.

Dorgommii guyyaa jalqabaatiin atileet Ijjiggaayyoo Taayyee dorgommii meetira kuma 3n tokkoffaa akkasumas atileet Tsiggee Gabrasalaamaa sadaffaa bahuun dorgommicha xumuraniiru.

Guyyaa har’aa meetira kums 3 diiraan atileet Hagos Gabrahiywoot fi atileet Xilahun Hayilee nihirmaatu.

Atileetonni lamaan guyyaa jalqabaa dorgommii neetira kuma 5n hin milkoofne.

 

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

#Oromiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015