Fiigichi guddichi Jimmaa 2017 hawattoota turizimii Jimmaa beeksisuuf akeekkame adeemsifame

Bitootessa 28/2017(TOI)- Fiigichi guddichi Jimmaa 2017 hawattoota turizimii Jimmaa beeksisuuf akeekkame adeemsifame.

Dorgommii fiigicha guddicha Jimmaa irratti namni kuma 4 ol hirmaachuun ibsameera.

Kaayyoon ijoo fiigicha kanaa iddoowwan hawattoota turizimii Jimmaa fi Buna Jimmaa, waloomaa fi michooma cimsuuf akka ta’e ibsameera.

Fiigichi nama guddaa kiiloomeetira 15 fi daa’immanii kiiloo meetira 5 adeemsifameera.

Sagantaa ministeerri turizimii fiigicha guddicha Itiyoophiyaa waliin ta’uun qopheesse kana Itiyo-telekoom dabalatee dhaabbileen biroon tumsa taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015