Atileet Ijjigaayyoo Taayyee shaampiyoonaa Giraandi silaam Tiraakii taate - ENA Afaan Oromoo
Atileet Ijjigaayyoo Taayyee shaampiyoonaa Giraandi silaam Tiraakii taate

Bitootessa 29/2017(TOI)- Atileet Ijjigaayyoo Taayyee dorgommii Giraandi silaam Tiraakii Jaamaayikaatti taasifameen fageenya lamaan mo’achuun shaampiyoonaa taateetti.
Giraandi silaam Tiraakii fageenya meetira 5000 halkan dorgomameen sa’aatii 14:54.88n xumuruun tokkoffaa baateetti.
Tibbanas fageenya meetira 3000 tokkoffaa bahuun tokkoffaa baatee qabxiishee 24 geessifachuun fageenyichaan Shaampiyoonaa taateetti.
Haala Kanaan dorgommii barana yeroo jalqabaaf taasifame Kanaan doolaara kuma 100 badhaafamteetti.
Atileet Tsiggee Gabrasalaamaa sadarkaa 3ffaa bahuun xumurteetti.
Tsiggeen fageenya meetira kuma 3n sadaffaa bahuun xumuruunshee kan yaadatamu yoo ta’u qabxii argatte 12n gahuun doolaara kuma 30 badhaafamteetti.
Atileet Dirribee Waltajjii Giraandi Silaam Tiraakii yeroo jalqabaaf dorgomameen fageenya meetira 1500 mo’achuun akkasumas dorgommii meetira 800 2ffaa baatee walumaa gala qabxii 20n Shaampiyoonaa Giraandi Silaam tiraakii ta’uun badhaasa doolaara kuma 100 argachuunshee niyaadatama.
Dorgommii meetira 3000 kaleessa galgala Kiingistanitti dhiiraan taasifameen Atileet Hagos Gabra Hiwet sa’aatii 7: 51.55n xumuruun mo’ateera.
Atileetichi jalqaba fageenya meetira 5000afraffaa bahuun xumuruusaatiin qabxiisaa 17n gahuun waliigala sadarkaa 2ffaa bahuun xumureera.