Dirree Dawaatti duula ashaaraa magariisaa dhufuuf biqiltuuwwan garagaraa faayidaa hedduu qaban jiru

Bitootessa 30/2017(TOI)- Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti duula ashaaraa magariisaa dhufuuf biqiltuuwwan garagaraa faayidaa hedduu qaban qophaa’aa akka jiran abbaan taayitaa naannawaa, misooma bosonaa fi haala qilleensaa beeksise.

Daarektarri misooma bosonaa abbaa taayitichaa obbo Maasrashaa Yimar TOItti akka himanitti, duula ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuuwwan garagaraa qophaa’aa jiru.

Biqiltuuwwan buufata biqiltuu kilaastara baadiyyaa fi magaalaatti qophaa’aa jiran keessaa walakkaa ol dhaabbiif qophaa’aniiru jedhan.

Biqiltuuwwan barana qophaa’an keessaa wabii nyaataa maatii mirkaneessuu Kan danda’an kan akka Loomii, Paappaayyaa, Giishxaa, maangoo Hamboshk, burtukaanaa fi kanneen biroo keessatti argamu jedhaniiru.

Biqiltuuwwan waggoottan darban dhabaman harki 72 qabachuu dubbataniiru.

Kunis balaa lolaa ittisuun wabii nyaataa hawaasa baadiyyaa mirkaneessuuf shoora bahaa akka jiran eeraniiru.

Hoogganaan biiroo qonnaa, bishaan, albuudaa fi Inarjii bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa obbo Nuuraddiin Abdallaa  TOItti akkka himanitti, biqiltuuwwan ashaaraa magariiaa baranaaf qophaa’aa jiran faayidaa garagaraa qabu.

Biqiltuuwwan kunneen kan armaan olitii ibsamaniin alatti bosona, gaaddisa, fi miidhagina magaalaaf kan fayyadanii fi misooma kooriidarii xumuramaa jiru miidhagsuuf ta’uu ibsaniiru.

Kilaastara baadiyyaattis bakka biqiltuun itti dhaabamu adda baasuu fi boola qopheessuunis gamanuma hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI

#Oromiyaa#ashaaraa magariisa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015