Dhaabbileen lamaan hubannoo namtolcheerratti tumsa tarsiimawaa uumuuf fedhii akka qaban ibsan - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen lamaan hubannoo namtolcheerratti tumsa tarsiimawaa uumuuf fedhii akka qaban ibsan

Bitootessa 30/2017(TOI)- Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaafi ejensiin tumsa idil addunyaa Jaappaan(Jaayikaa) hubannoo namtolcheerratti tumsa tarsiimawaa uumuuf fedhii akka qaban beeksisan.
Jilli gorsaa dijitaal tiraanisfoormeeshinii olaanaa Jaayikaa Atuushii Yamanakaan durfame inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwateera.
Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa Dr. Warquu Gaachanaa jila kana simatanii hammattoolee hundagaleessa hubannoon namtolchee hojjeessaa jiru irratti ibsa taasisaniiru.
Daawwannaan kun Itiyoophiyaa fi Jaappaan teeknooloojii hubannoo namtolchee misooma biyyaaf fayyadamuuf kutannoo qaban kan mul’isudha jedhaniiru.
Jilli Jaayikaa milkaa’inoota inistiitiyuutichaa dinqisiifachuusaanii odeeffannoon Inistiitiyuuticharraa argame nimul’isa.
Dhaabbileen lamaan daawwannaan cinaatti itti fayyadama afaan mandhalee, hubannoo namtolchee qonnaa fi inisheetiivota misooma ogummaa inistiitiyuutichaaf fayyadamuurratti dhimmoota waliin hojjechuun dand’amurratti mari’achuunsaanii eerameera.
Ejensiin tumsaa idil addunyaa Jaappaan(Jaayikaa)n A.L.A bara bara 1993 irraa eegalee dhaabbilee misoomaa misoomaa Itiyoophiyaa fi tumsa idiladdunyaa irratti hojjechaa jira.