Itiyoo Telekoom magaalaa Baalee Roobee fi Asallaatti tajaajila neetwoorkii Moobaayilii dhaloota shanaffaa eegalchiise - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo Telekoom magaalaa Baalee Roobee fi Asallaatti tajaajila neetwoorkii Moobaayilii dhaloota shanaffaa eegalchiise

Ebla 02/2017(TOI)- Itiyoo Telekoom magaalaa Baalee Roobee fi Asallaatti tajaajila neetwoorkii Moobaayilii dhaloota shanaffaa eegalchiise.
Kaampaanivhi tajaajilasaa caalaatti qaqqabamaa taasisuuf waajjira riijinii kibba Bahaa Baalee Roobeetti bifa haaraan hojii eegalchiisuu beekameera.
Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu fi hooggantoonni olaanii kaampaanichaa akkasumas hooggantoonni magaalaa Roobee fi godina Baalee fi fayyadamtoonni tajaajilichaa saganticharratti argamaniiru.
Kaampaanichi tajaajilasaa fooyyessuun dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuu irratti argama jedhan hojii raawwachiiftuun olaanaa kun wayita kanatti.
Tajaajilli dhaloota shanaffaa kan har’aa dabalatee magaalaa Itiyoophiyaa 16 keessatti qaqqabamaa ta’uu dubbataniiru.
Tajaajilli dhaloota shanaffaa (5G) maamiltoonni tajaajila si’ataa fi ariifataa akka argatan taasisa jedhaniiru.
Kaampaanichi tajaajila ummataaf kennu caalaatti qaqqabamaa taasisuu fi ammayyeessuuf waajjirasaa kibba bahaa Baalee Roobeetti bifa haaraan jalqabsiisuusaa dubbataniiru.
Riijinichi banamuunsaa bu’ura misoomaa telekoomii fi infoormeeshin komunikeeshinii hawaasa iraan gahuuf carraaqqii taasifamu akka deeggaru himaniiru.
Riijiniin kibba bahaa kun godinoota Baalee lamaanii fi godinoota Arsii gartokkee akka qabatu odeeffannoon kaampaanichaa nimul’isa.