Naannoo Gambeellaatti guyyoota kurnan dhufanitti bokkaa cimaan ni jiraata - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Gambeellaatti guyyoota kurnan dhufanitti bokkaa cimaan ni jiraata
Ebla 03/2017 (TOI)-Naannoo Gambeellaatti guyyoota kurnan dhufanitti roobni salphaa fi cimaan jiraachuu akka dandahu Inistityuutiin Meetiroloojii Itiyoophiyaa Beeksise.
Bokkaa roobuun walqabatee rakkoowwan uumamuu dandahan hambisuuf bo’oo lolaa qulqulleessuun barbaachisa ta’uus ibsameera.
Inistityuutichatti Hojii Gaggeessaan Giddugala Tajaajila Meetiroloojii Naannoo Gambeellaa Obbo Tasfaahun Alamuu TOI’f akka ibsanitti, Naannichatti baatii Ebla2017 jalqabee roobni cimaan jiraachuu ibsaniiru.
Naannichatti bakkeewwan qilleensa Baddadaree Godina Maajangitti , roobni cimaan akka roobu beeksissaniiru.
Rooba cimaa naannichatti mudachuu dandahu qophii Qonna Gannaa faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.
Naannichatti sababa Rooba Cimaa Roobuun Magaalichatti balaan lolaa uumamuu waan dandahuuf bo’oo lolaa saaquu fi qulqulleessuun barbaachisaa tahuu hubachiisaniiru.
Akkasumas, roobaan walqabatee dhibeen busaa ka’uu waan danda’uuf boolla bishaanii dursanii duuchuun akka qaban obbo Tasfaahun ibsaniiru.