Magaalaawwan dabalataa 114 neetwoorkii Advaansidii 4G LTE argatan - ENA Afaan Oromoo
Magaalaawwan dabalataa 114 neetwoorkii Advaansidii 4G LTE argatan

Ebla 03/2017(TOI)-Itiyoo Telekoom magaalaawwan dabalataa 114 godina Baalee, Arsii, baha Baalee, Arsii Lixaa fi baha Shawaatti argamanitti neetwoorkii Advaansidii 4G LTE akka argatan gochuusaa beeksise.
Kaampaanichi qoodasaa dinagdee dijitaalaa hammataa ijaaruuf irraa eegamu cimsee akka ittifufu ibseera.
Itiyoo Telekoom pirojektii babal’isa neetwoorkii advaansidii 4G LTE adeemsisaa ture xumuree riijinii kibba bahaatti magaalota 58 akkasumas kibba kibba bahaatti magaalota 56 walumaa gala magaalota 114 fayyadamoo taasisuu himeera.