Dirree dijitaalaa nageenya qabu uumuuf tumsa idil addunyaa cimsuu barbaachisa-Ambaasaaddar Li’ulsaggad Taaddasaa

Ebla 04/2017(TOI)- Dirree dijitaalaa nageenya qabu uumuuf tumsa idil addunyaa cimsuun akka barbaachisu Biraaziliti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Li’ulsaggad Taaddasaaibsan.

Itiyoophiyaan walgahii nageenyaa fi eegumsa odeeffannoo fi komunikeeshin teeknooloojii BIRICS magaalaa muummee Biraazil Biraaziiliiyaatti taa’amerratti hirmaatteetti.

Biraazilitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Li’ulsaggad Taaddasaa dirree dijitaalaa nagaansaa eegame uumuuf tumsa biyyaalessaa fi gargaarsi idil addunyaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi walgahicharratti waa’ee imaammata nageenya saayibarii ibsa taasisaniiru.

Imaammatichi hirmaannaa waloo mootummaa, ummataa fi qooda fudhattoota hedduu kan jiddugaleeffate, , bururaalee misoomaa odeeffannoo ijoo fi eegumsa odeeffannoo dhuunfaaf xiyyeeffannoo kan kennu ta’uu himaniiru.

Kana malees hojiilee dinagdee dijitaalaaf hojmaata nagaa uumuuf nidandeessissa.

Karaa hammattoo BIRICS carraalee damee ICT fayyadamuu fi yaaddoo waliin ittisuuf akka barbaachisu ambaasaaddarichi hubachiisaniiru.

Biyyoonni miseensaa dhimmicharratti BRICS tumsa cimaa hundeessuu akka qabu waliigalteerra gahuusaanii odeeffannoon Biraaziliyaatti embaasii Itiyoophiyaa TOI’f erge nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015