Hojiin misooma sululaa qindaa’aan fi Kunuunsa Misooma Qabeenya Uumamaa suluulawwan kuma 21 irratti hojjetameera-Ministeera Qonnaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiin misooma sululaa qindaa’aan fi Kunuunsa Misooma Qabeenya Uumamaa suluulawwan kuma 21 irratti hojjetameera-Ministeera Qonnaa

Ebla 4/2017 (TOI )-Bara Bajataa 2017tti sagantaan qindaa’aan Misooma Qabeenya Uumamaa amma ammaatti sululawwan kuma 21tti kunuunsa naannoo, ittisa biyyee fi bishaanii, hanga ammaatti sululawwan kuma 21 irratti hojjetamuu isaa ministirri Qonnaa beeksiseera.
Bara kana guutummaatti lafa hektaara miiliyoona 5 ol misooma sululaan karooraan qabamee hojjetamaa jiraachuu ministeerichatti hojii raawwachiisaan dursaa kuunuunsa misooma qabeenya uumamaa fi ittifayyadamaa obbo Faanosee Mokonnin TOIf ibsaniiru.
Misooma qabeenya uumamaa fulla’aa eegsisuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun jijjiirama qabatamaa fidaa jira jedhaniiru.
Misooni sululaa dhiqama biyyee ittisuu, saxilamummaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu fi misooma magariisaatiif bu’aa gudda buusaa akka jiru ibsaniiru.
Akka ibsa Faanoseetti bara baajataa kanatti lafa hektaara miliyoona 5 ol irratti kunuunsi biyyee fi qabeenya uumamaan hojjetama jira.
Bakkeewwan misooman tuttuqqaa namaa fi beeyladaa irraa bilisa gochuuf hojii qabaman keessaa tokko tahuu ibsuuniiru.
Haala qabatamaa naannooleen guyyoota 30 hanga 60 tti duula qindaa’aa kunuunsa misooma qabeenya uumamaa hojjetamaa jiraachuu ibsuun, hanga ammaatti daagaa, misooma ittisa biyyee fi bishaani hojjetameera jedhaniiru.
Misooma sululaa qindaa’aan, kunuunsi qabeenya naannoo kuma 20 fi dhibba 8 misooma sululaa misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti rawwiin jiruun karooraa ol suluulawwan kuma 21 ol hojjetamuu ibsaniiru.
Sululawwan Misooman irratti waldaaleen kuma 7 ol furdisa looniin, kuduraalee dhaabuun fi kaanniisa horsiisuu irratti bobba’anii fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.
Waggoottan darban hojii daagaa fi boolla bishaanii qotuun eegalame cimee itti fufeeras jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti hojii misooma sululaan haala milkaa’ina qabuun naannoolee itti hojjetaman keessaa tokko Harargee Bahaati.
Godinichatti Qotee Bulaan Aanaa Baddannoo Ahmed Najaashii ammaAn dura lafti duwwaa ture yeroo ammaa kana jiidhaa jiraachuunsa omisha omishuun fayyadamaa tahuu isaanii ibsaniiru.
Hojiin misooma sululaa ammaaf qofa otoo hinta’iin dhaloota dhufuuf naannoo kunuunsinee dabarsuutiif gahee guddaa kanqabu tahuu ibsuun, xiyyeffannoon hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Aanaa Gooroo Guutuutti Qonnaan Bulaan Haayilee Taaddasee akka jedhanitti, misooma sululaa biratti muduraalee adda adda oomishuun fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.
Misoomni qabeenya sululaa madda bishaanii jiran kunuunsuun bishaan gahaa kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Jiraata aanichaa kan tahan Qonaan Bulaan 0bbo Isheetuu Asaffaa gama isaaniin, hojii misooma sululaan lafa misoome irratti biqiltoota adda addaa dhaabuu fayyadamoo tahuu isaanii ibsaniiru.