Naannawoota Mojoo fi Luumeetti qophii biqiltuu fi hojiilee qonnaa qindaa’aa ilaalchisuun muuxannoon fudhatame

Ebla 04/2017(TOI)-Godina Shawaa bahaa Mojoo fi Luumeetti qophii biqiltuu fi hojiilee qonnaa qindaa’aa ilaalchisuun sagantaan adeemsifameera.

Miseensonni hooggansa sektara qonnaa naannolee biyyattii garagaraa irraa walitti dhufan godinicha tti buufata biqiltuu fi kilaastara Avokaadoo naannawoota Mojoo fi Luumeetti argamuun daawwataniiru.

Itti aanaan biiroo qonnaa Hararii obbo Nasraddiin Ahimad TOI’f yaada kennaniin, buufanni biqiltuu Mojootti argine kan gurmaa’ee fi qinda’edha.

Qophii biqiltuu fi hojii qonnaa qindaa’e keessumaa misooma Avokaadoo, kanniisa horsiisuu fi qophii xaa’oo uummamaa jiddugala tokkotti hojjetamaa akka jiru ilaalleerra jedhan.

Kanarraas muuxannoo arganneerra jedhaniiru.

Biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa naannoo Affaritti daarektarri baayoo daayivarsiitii obbo Alii Ibraahim gamasaaniin, qophii biqiltuu fi hojii qonnaa qindaa’aarraa muuxannoo fi beekumsa arganneerra jedhaniiru.

Keessumaa biqiltuuwwan nyaataa garagaraa jallisiidhaan qopheessuun akka danda’amu hubachuusaanii eeraniiru.

Biiroo qonnaa fi qabenya uumamaa naannoo ummattoota kibbaa Lixaa Itiyoophiyaarraa  kan dhufan obbo Bayyanaa Balaachoo, buufanni biqiltuu Mojoo fi kilaastarri Avokaadoo beekumsaa fi ogummaan kan qophaa’e ta’uu daawwannaarraa hubachuusaanii ibsaniiru.

Naannoon isaanii misooma Avokaadoof mijataa waan ta’eef biqiltuu Avokaadoo oomisha olaanaa kennan naannoo Oromiyaarraa binnee nidiqaalomsina jedhaniiru.

Itti aanaan bulchaa aanaa Luumee fi hoogganaan biiroo qonnaa obbo Lammii Irkoo sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf Muduraa fi nyaata looniirratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra jechuun ibsaniiru.

Yeroo ammaa oomishni Avokaadoo yeroo afraffaaf aanicharraa karaa gabaa jiddugalaa alatti ergauu eeranii, Biqiltuuwwan Avokaadoo dabalataa biyya alaatti erguuf inistiitiyuutii tiraanifoormeeshinii qonnaa waliin hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Ministeera qonnaatti hojii raawwachiisaan durss misooma qabeenya uumamaa fi eegumsaa obbo Faanosee Mokonnon, daawwannichi qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ganna dhufu dhaabamuu muuxannoo walii qooduuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa qophiin biqiltuu muduraa buufata biqiltuu Mojoo muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu dubbataniiru.

Qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa baranaa harki 60 Muduraa, nyaata loonii fi miidhaginaaf kan oolan yoo ta’u, harki 40 misooma bosonaaf oola jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015