Ijaarsi Istaadiyeemii idil addunya Bahaar Daar Yeroo kaa’ameefitti xumuruuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuu qaba-Boordii

Ebla 06/2017(TOI)- Ijaarsi Istaadiyeemii idil addunya Bahaar Daar Yeroo kaa’ameefitti xumuruuf hojiin hojjetamu cimee akka itti fufuu boordiin hooggansa hojii hubachiise.

Boordiin hooggansa hojii qorannoo har’a taasiseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee kallattii kaa’eera.

Haala Kanaan Boordichi Istaadiyeemiin idil addunyaa Bahaar Daar ulaagaa Konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa guutuuf hojiilee hojjetamaa jiran daawwateera.

Daawwannaa Kanaan Ijaarsi Istaadiyeemichaa haala gaariirra akka jiru ibsameera.

Baatilee hafanitti hojii irra caalaa xumuruun dorgommiif banaa taasisuuf hojjetamaa akka jiru hoogganaan biiroo dargaggootaa fi Ispoortii naannichaa fi walitti qabaan boordii hooggansa hojii obbo Irziiq Iisaa gabaasa dhiheessaniin ibsaniiru.

Baatii hafanitti guutummaatti xumuruun hojii eegalchiisuuf carraaqqiin taasifamu cimee itti fufuu akka qabu boordichi hubachiisuusaa odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannoo Amaaraarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015