SagantaawwanTorbee 25ffaa Eegaman - ENA Afaan Oromoo
SagantaawwanTorbee 25ffaa Eegaman

Ebla 06/2017(TOI )-Piriimer Liigii Itiyoophiyaa Tapha Torbee 25ffaan taphoonni sadii har’a ni gaggeeffamu. Kilabiin Qiddus Goorgis Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin ganama sa’aatii 3 fi walakkaatii Eegalee Isteediyeemii Yuunversiitii Hawaasaatti Taphatu.
Marsaa 16ffaaf kan injifate Qiddus goorgis qabxii 31n sadarkaa 10ffaa qabateera. Bara darbe Injifataan Liigichaa Baankiin Daldala Itiyoophiyaa qabxii 32n sadarkaa 9ffaa irratti argama.
Guyyaa keessaa sa’atii 9tti kilabiin Buna Sidaamaa garee Baahirdaar waiin taphata. Bunni sidaamaa qabxii 29n sadarkaa 12ffaa yoo qabatu Magaalaan Baahirdaar qabxii 37n sadarkaa 2ffaa qabateera.
Sagantaa xumuraan gagala sa’aatii 12 irratti Magaalaan Hawaasaa fi walaayittaa Diichaan wal morkatu. Magaalan Hawaasa qabxii 21n Sadarkaa 15ffaa qabatee sadarkaa gadii irratti argama.
Walaayittaa Diichaan qabxii 37n qabxii walqixa qabuun Magaala Baahirdaar waliin galchiin caalee sadarkaa 3ffaa irratti argama.
Sagantaawwan dorgommii Waancaa fi walmorkii gad-bu’uu hambisuuf taassifamu, tapha murteessaa jedhamanidha.
Oduuma wal-qabateen taphoota torbee 25ffaa gaggeefamaniin Taphoota Guyyaa Jalqabaan Maqalee 70indertaan, Hadiyyaan Hosaa’inaa, 2 fi 0n yoo injifatu, yuunversiitiin walwaaloo Addagiraatii fi Sihuu lShireen galchii tokkoon wal-qixa bahaniiru.