Itiyoophiyaanonni yaada maddisiisan taatee teeknooloojii guddicharratti hojiisaanii nidhiheessu - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaanonni yaada maddisiisan taatee teeknooloojii guddicharratti hojiisaanii nidhiheessu

Ebla 06/2017(TOI) Afriikaatti taatee teeknooloojii guddichaa fi hojii uumtonni jalqabdoonni (Staart aappi) ta’uun kan himame waltajjiin teeknooloojii Jii’aayiteeksi Afriikaa har’a Moorookoo Maaraakaashitti jalqabameera.
Waltajjiin kun Afriikaatti dhaabbilee fi namoota dhuunfaa dijitaal Tiraanisfoormeeshinii, Innoveeshinii fi walitti hidhata biizinasii adda duree ta’an walitti fideera.
Itiyoophiyaa dabalatee bakka bu’oonni biyyoota 130 caalan irraa walitti dhufan kuma 4 fi 500 caalan, kaampaaniiwwan hojiisaanii dhiheessanii fi hojii uumtonni reefu jalqaban kuma 1 fi 400 caalan, dhaabbileen mootummaa 650 caalanii fi dureeyyiin 350 caalan hirmaataniiru.
Nageenyi Saayibarii, barnoonni, telekoomiin, faayinaansiin, fayyaan ispoortii fi teeknooloojiin qonnaa kalaqa teeknooloojii dhihaata keessaayyi.
Itiyoophiyaanonni Waltajjii teeknooloojii ardii irratti teeknooloojiiwwan rakkoo hawaasaa furanii fi jireenya itti mijeessan uumuu danda’an hirmaataniiru.
Itiyoophiyaanonni kunneen hojiisaanii dhiheessaa jiru.
Kana cinaattis hubannoo namtolchee, nageenya Saayibarii, dinagdee dijitaalaa, misooma fulla’aa, hojii uumuu dhimmoota biroorratti mariin nitaasifama.
Waltajjiin Moorookoo Maaraakaashitti adeemsifamaa jiru sammuu cimaa ardii Afriikaa jiru walitti qabuun fi cehumsi beekumsaa akka ta’u gochuun Afriikaa dorgommii teeknooloojii addunyaarratti adda duree akka taatu qooda guddaa kan taasisudha jedhameera.
Dinagdeen dijitaalaa GDP Afriikaaf doolaara biiliyoona 180 ol gumaachaa akka jiruu fi gabaan nageenya saayibarii Ardichaa waggaatti galii doolaara biiliyoona 245 maddisiisuu akka danda’u ibsameera.
Jii’aayiteeksi Afriikaan amma Ebla 8 bara 2017tti akka turu agabaasaan TOI bakkarraa gabaaseera.
Taateen Teeknooloojii mootii Moorookoo Mahaammad jaahaffaa jalatti kan hoogganamudha.