Kiilaboota Sagantaa Piriimer Liigii guyyaa sadaffaan dorgoman

Ebla 07/2017 (TOI)-Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffan oolmaa guyyaa sadaffaatiin taphoonni lama nitaphatamu.

Sagantaa jalqabaan Bunni Itiyoophiyaa fi Faasiil Kanamaa guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti nidorgomu.

Bunni Itiyoophiyaa qabxii 36n sadarkaa 4ffaa yoo qabatu Faasil Kanamaan qabxii 33n sadarkaa 8ffaa irratti argama.

Galgala Sa’aatii 12tti Machaal magaalaa Arbaa Minci waliin nitaphata.

Machaal qabxii 32n 9ffaa, Magaalaan Arbaa Minci qabxii 34n sadarkaa 6ffaarratti argama.

Akkasumas taphoota torbee 25ffaa oolmaa guyyaa 3ffaa kaleessaatiin baankiin daldala Itiyoophiyaa Qiddus Goorgis, Bunni Sidaamaa magaalaa Bahaar Daar fi magaalaan Hawaasaa Walaayittaa Diichaa qabii walfakkaataa 1 fi 0n mo’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015