Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Ebla 07/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam gama daldalaa barnootaa fi siviil Aviyeeshiniin tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Ministirri muummee Veeyitineem Faam Miin Chiin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad masaraa isaaniitti sirna simannaa taasisaniiruuf.
Simannaan booda hoggantoonni lamaanii fi jillisaanii marii gam lame taasisaniiru.
Riifoormiiwwan biyyoota lamaanitti taasifaman akkasumas dhimmoota dinagdee fi siyaasaa tumsaaf gargaaran keessumaa muuxannoo walii qooduu fi invastimantii dabalatee dhimmoota garagaraa irratti yaada waljijjiiraniiru.
Hooggantoonni lamaan tumsa daldalaa fi barnootaa irratti sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Dabalataanis daandii qilleensasa Itiyoophiyaatiin Finfinnee fi Hanooy jidduutti balallii kallattii kan mijeessu waliigalteen siviil aviyeeshinii taasifameera.
Daawwannaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Veeyitinaamitti taasisan hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii erga hundeeffamee waggaa 50 booda daawwannaa j gaggeessaa mootummaa kan alqabaa ta’uu odeeffannoon waajjira ministira nuummee nimul’isa.