Taphni Madin Itiyoohiyaa fi Magaalaa Adaamaa ni’eegama - ENA Afaan Oromoo
Taphni Madin Itiyoohiyaa fi Magaalaa Adaamaa ni’eegama

Ebla 08/2017(TOI)- Olmaa guyyaa xumuraa torbee 25ffa piriimer liigii Itiyoophiyaatiin liigicha dursaa kan jiru Madin Itiyoophiyaan magaalaa Adaamaa waliin nitaphatu.
Kilaboonni lamaan guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti nidorgomu.
Madin Itiyoophiyaan qabxii 45niin dursaa jira.
Qabxii 21n sadarkaa 16ffaarra qabachuun sadarkaa gadiirra kan jiru magaalaan Adaamaa yoo mo’ate sadarkaa gadi bu’aarraa kan isa baasu qabxii 3 argata.
Sagantaa xumuraa torbee 25ffaan Magaalaan Dirree Dawaa fi Itiyoo Elektiriik galgala sa’aatii 12tti nitaphatu.
Magaalaan Dirree Dawaa qabxii 26n sadarkaa 14ffaa irratti argama. Itiyoo Elektiriik qabxii 29n sadarkaa 12ffaa irratti argama.
Gareen lamaan yoo mo’atan yaaddoo gadi bu’uu jalaa niba’u.
Taphoota oolmaa guyyaa sadaffaa torbee 25ffaa kaleessa dorgomameen Bunni Itiyoophiyaa Faasiil Kanamaa, Machaal Arbaa Minci qabxii walfakkaataa 1 fi 0n mo’ataniiru.