Hojiin misooma sululaa naannichatti hojjetamu guddina oomishaa fi oomishtummaa qonnaarratti bu’aa buuseera - ENA Afaan Oromoo
Hojiin misooma sululaa naannichatti hojjetamu guddina oomishaa fi oomishtummaa qonnaarratti bu’aa buuseera

Ebla 08/2017(TOI)-Hojiin misooma Sululaa Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru qabiyyee lafaa eeguu irra darbee guddina oomishaa fi oomishtummaa qonnaa irratti bu’aa qabatamaa fiduusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise.
Itti Aanaan Biiroo Qonna Oromiyaa obbo Eeliyaas Kadir TOIf akka ibsanitti, naannichatti
Hojiin misooma sululaa Amajjii15/2017 irraa eegalee hojjetamaa jira.
Dambalii uummataan kan eegale hojiin misooma sululaa bifa saayinsaawaan akka hojiirra oolu naannoo irraa hanga aanaatti ogeessotaa fi hoggantootaan deeggarsii fi hordoffiin taassifamaa turera.
Naannichatti sululawwan kuma 6 fi 400 irratti, lafti hektaara miiliyona 3 tuqaa 3 ta’u guyyoota 60 tti sosochii hawaasaan hojjetamuu ibsaniiru.
Kana irratti uummanni naannichaa hirmaachuu kan ibsan Obbo Eeliyaas, “qabeenya naannichaa eegnee dhalootaaf dabarsuuf hojiiwwan bu’uura hojjetamaa jira” jedhaniiru.
Naanichatti hojiin misooma sululaa baroottan darban hojjetameen Godinoota Bahaa fi Lixa Harargeetti Haroon Haroomayyaa fi lageen goganii turan deebi’anii bishaan kuufatanii tajaajila Misooma Jallisiif oola jiru.
Akkasumas, Misooma Sululaan Misooma Bunaa, Kuduraa fi fuduraa, eegumsa biiyyeen jijiiramni qabatamaan dhufeera jechuun ibsaniiru.
Haaluma wal fakkatuun, dhiibbaa jijiirama qilleensaa dandamachuun fi miidhaa qaqqabu hanbisuuf hojii hojjetameen dhiqamni biyyee hir’achuu dandahuu ibsaniiru.
Hojii hojjetameen dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii kunuunsa eegumsa naannoo, misooma nyaata horii fi misooma kaanniisaa abbummaa fudhatanii hojjechaa kan jiran tahuu ibsaniiru.
Hojii misooma sululaa bara kana hojjetameen lafa hektaara kuma 670 ol tuttuqaa irraa bilisa tahee akka Misoomu tahaa jiraachuu ibsaniiru.