Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa irratti jijjiirama agarsiisa jirti – Ministira Dr. Ballaxaa Mollaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa irratti jijjiirama agarsiisa jirti – Ministira Dr. Ballaxaa Mollaa

Ebla 08/2017(TOI)-Riifoormiin Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa irratti gochaa jirtu ulaagaa tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa idil addunyaatiin sadarkaa gaariirratti akka argamtu gochuusaa ministirri Innoveeshinii fi Teeknoloojii Dr. Ballaxaa Mollaa ibsan.
Ministiroonni, hooggantoonnii fi hojjettoonni dhaabbilee itti waasmamaa bakka argamanitti raawwiin karooraa baatii sagalii bara bajataa 2017 ministeera pilaanii fi misoomaa qoratamaa jira.
Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa akka jedhanitti, mootummaan jijjiiramaa dinagdee dijitaalaa dabalatee riifoormii hedduu hojeesseera.
Haala Kanaan waggoottan toorban darban dinagdeen biyyattii guddachuu kaasaniiru.
Imaammanni riifoormii dinagdee gooroo hojiirra ooluunsaa bu’aa argisiisuusaa himanii, dinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojiileen hedduun hojjetamuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee fi dijitaal Itiyoophiyaa 2015 hojeessuun jijjiiramni qabatamaa argamuu kaasaniiru.
Dinagdee dijitaalaa hammataa ijaaruuf leenjiin koodarsii Itiyoophiyaanota kuma shanii kennamaa akka jiru dubbataniiru.
Itiyoophiyaan ulaagaa dijitaal tiraanisfoormeeshinii idil addunyaatiin adarkaa gaariirratti akka argamtu hojiileen kunneen qooda bahaniiru jedhan.
De’etaan ministira pilaanii fi misoomaa Siyyum Mokonnon gamasaaniin, waggoottan toorban darban riifoormii garagaraa gochuun bu’aan guddaan galmaa’eera jedhaniiru.
Raawwii baatii sagal darbanii waltajjii kanarratti qorachuun hojiilee baatii sadan dhufan hojjetaman irratti kallattiin akka kaa’amu eeraniiru.