Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii Veeyitinaam P4G 2025 irratti hirmaatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii Veeyitinaam P4G 2025 irratti hirmaatan

Ebla 08/2017(TOI)-Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii yaa’ii Veeyitinaam P4G 2025 qabiyyee “cehumsa magariisaa fulla’aa fi ummata jiddugaleeffate” jedhuun adeemsifamaa jiru irratti hirmaataniiru.
Ministirri muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin, yaa’ii Veeyitinaam P4G 2025 qabiyyee “cehumsa magariisaa fulla’aa fi ummata jiddugaleeffate” jedhuun adeemsifamaa jirurratti eegumsa haala qilleensaa tarkaanfachiisuuf qabxiilee ijoo sadii kaaseera jedhan.
Tokkoffaa eegumsi haala qilleensaa dhiheessii maallaqaaf hunda dura dursa kennuun maddeen gahaa, tilmaamamuu danda’uu fi fulla’aa ta’aniin mirkaneessuu qabna jechuun ibsan.
Kan lammataa misooma fulla’aa deeggaruu fi eegumsa qabeenya lafaa Afriikaaf eegumsa gochuuf uwwisa Invastimantii madda anniisaa addunyaa keessatti qooda Afriikaa amma jiru harka lama bara 2030tti harka 20n gahuu qabna jedhan.
Kan sadaffaa badii lubbu qabeeyyii fi lafti qullqqtti hafuu qolachuun uumama eeguuf tarkaanfiiwwan hatattamaa fudhatamuu qabu jechuun hubachiisaniiru.