Foramiin raaga haala qilleensaa gaanfa Afriikaa Finfinneetti nitaa’ama

Ebla 08/2017(TOI)-Foramiin raaga haala qilleensaa gaanfa Afriikaa (GHACOF 70) Caamsaa 11 fi 12 bara 2017 Finfinneetti nitaa’ama.

Foramichi Mata duree “tajaajilli haala qilleensaa,dandeettii ofeeggannoo dursaa waloomaan cimsuu” jedhuun adeemsifama.

Raagni haala qilleensaa IGAD fi jiddugalli appilikeeshinii (ICPAC) deeggartoota misoomaa waliin ta’uun foramicha akka qopheessan ibsameera.

Raawwiin raga haala qilleensaa A.L.A march amma meey 2025tti jiru irratti mariin akka taasifamu IGAD ibsa TOI,f ergeen beeksiseera.

Foramichi haala qilleensaa riijinii A.L.A Juun irraa amma Septambaritti jiru akka ifoomsu himeera.

Tarsiimoowwan raagaa fi bulchiinsa haala qilleensaa ilaalchisuun mariin nitaasifama.

Biyyoonni miseensa IGAD, qorattoonni damee kanaa, imaammata baaftonni, deeggartoonni misoomaa fi kanneen damee kanarratti hojjetan foramicharratti nihirmaatu.

Foramii ijoon duratti woorkishooppiin raga haala qilleensaa fi Kanaan walqabatan akka adeemsifamu IGAD beeksiseera.

Foramiin raga haala qilleensaa gaanfa Afriikaa Amajjii bara 2017 Finfinneetti taa’amuun niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015